Faaru 11 - KITAABA WAAQA1 Anini AABBO Waaqati d'eed'a. Atini maafi daalloofte dubbi tana nani jetta? Aka simpirre gaarati barrisi, 2 ch'ubbichi yayu t'iya fud'ate, guube guure, dukana keesati nama d'ugaa qajeela abbire had'a. 3 Yo wonti ch'ufti hammate nami d'ugaa qajeelani maani taha? 4 AABBO Waaqi Mana isaa qulqullo keesa taa; barch'umaani isaa ka guddinna gubba jira. Inni ila ufiitini nama ch'ufa ilaale, waan worri tahu beekha. 5 Inni nama d'ugaa qajeelafi ch'ubbichale inilaala garaani isaa nama woi yaku guddo jibba. 6 Inni ch'ile bobeetufi aara gubbaa gabuuse ch'ubbicha gubbati rooba; bubbe woi gubduni worra gube balleesa. 7 AABBO Waaqi ka d'ugaati, inni waan d'ugaa ka qajeela jaalata. Nami d'ugaafi qajeeluma gula deemu isaa inarga. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya