Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 105 - KITAABA WAAQA

1 Koota, AABBO Waaqaa galata deebisa, isa yaamad'a; waan inni tolche gosa ch'ufati hima.

2 Sirba isaa faarsa, waan jabdu inni tolche odeesa.

3 Waan nu nama isaa taaneefi gammada; nami isa yaamatu ch'ufti ha gammaduti.

4 AABBO Waaqa d'aqa, qarqaarsa kad'ad'a, hojja ch'ufa isa yaamad'a.

5-6 Isani d'alooti Abrahamu, hojattu Waaqa, d'aloota Yakobo ka Waaqi fohate, waan mama ka Waaqi tolche qaabad'a. Dubbi inni mure inded'ina.

7 AABBOONI Waaqa keenna, jechi isa ka gosa lafa ch'ufaati.

8 Inni wold'aqisa ufii haga jiru jireenna guuta, kakhu inni d'aloota kuma tokoti kakhate.

9 Inni wold'aqisa Abrahamu woliini tolfateefi kakhu inni Isaaqoti kakhate guuta.

10 Inni wold'aqisa haga jiru jireenna jiru Yakobo woliini tolfate,

11 waan jed'eeni, Anini lafa Kanaani sii kenna, isiini hand'ura kanke taati.

12 Gumiini Waaqaa diqo, lafa Kanaani keesaleti keessuma.

13 Worri fulla tau d'abe, lafafi gosa d'ibi ch'ufa keesa mare.

14 Ammo Waaqi gosa d'ibi worra dabsuu d'owe, maro worraatifi inni hayyoota gorse waan jed'eeni:

15 Gumi anini fohad'e woma intolchina raagoota tiyyale intuqina.

16 AABBO Waaqi beela lafa worraati buuse, sagale worri qabu ch'ufa balleese.

17 Ammo inni Yusufu, ka qara aka garbicha gurgurani, worra dura erge.

18 Miila isaa sansalatani hid'ani, morma isaa qaampara iti kayani,

19 haga wonti Yusufuuni fage guutamtuti. Dubbini Waaqaa d'uga isaa murte.

20 Jennaani hayyuuni Misiri isa ga d'iise, nami lafa mohatu isa balchoomse.

21 Hayyuuni suni gudda lafa isa isa tolche, finna lafa isa ch'ufa harka isaati deebise;

22 ammalle irreefi qarooma inni hojattu hayyuutifi jaaroleeni barsiise qajeelchu isaa kenne.

23 Jennaani Yakobooni Misiriti godaane achi tae.

24 AABBO Waaqi gumi isa horsiise nyaapa worraale ira jabeenna kenneefi.

25 Inni worra Misirii gumi isaa jibbisise, worri hojattu isaa sobe mala iti d'aate.

26 Jennaani inni hojattu isaa Musafi Haruni fohate iti erge.

27 Worri waan Waaqaa ka mama jabdu lafa Misiri keesati tolche.

28 Waaqi dukana lafa Misiriti erge, ammo worri Misiri dubbi isaa dide.

29 Inni galaana worra d'iiga tolche qurt'umi worraale hobaase.

30 Lafa worraa raachi ira dabre, mana hayyule raachi guute.

31 Waaqi dubbannaani tiiteefi biinniini lafa qabate.

32 Inni fulla bokayaa bokaya d'akhaani roobufi angaasu lafa worraati buuse;

33 inni zabibuufi oda balleese, mukeeni ch'ufa ch'ach'abse.

34 Inni dubbannaani awaanisi muumme inqamne lafati baafate.

35 Awaanisi sunini mukhaafi mid'aani lafa suni keesa jira ch'ufa nyaate fit'e.

36 Waaqi ilma angafa ka gosa Misiri ch'ufa fit'e.

37 Jennaani inni worra Israeli lafa suni keesaa baase dura deeme; worri ka qarsifi worqi baatu, ka fayyaafi jabeenna qabu, lafa suni keesaa bahe.

38 Worri Misiri worra sodaate, deema worraa iraa gammade.

39 Waaqi dumansa gumi isaa ira kaye halkanile ibida ifsa worraa tahu kenneefi.

40 Worri kad'annaani inni simpirre kenneefi, sagale gubbatiini worra quubse.

41 Inni lafa gamooji keesa siida bane, bisaani aka galaana yaa keesaa baase.

42 Inni kakhu qulqullo duri hojattu isaa Abrahamuti kakhate qaabate.

43 Duuba akanaani inni gumi inni fohate baase dura deeme worrileeni gammade sirbe.

44 Inni lafa gosa d'ibii worraa kenne, oobru worra sunile worraa kenne,

45 aka gumiini isaa aadaafi seera isaa jabeesite guutu. AABBO Waaqa faarsa!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan