Faaru 104 - KITAABA WAAQA1 Ee lubbu tiyya AABBO Waaqa faarsi! Ee AABBO Waaqa kiyya, atini akami gudda! Atini guddinnaafi ulfinna uyifate, ifsa woyaa tolfate. 2 Atini gubba aka waaro ballifte, 3 mana kanke bisaani gubba irati jaarate. Atini dumansa gaari tolfate, koola bubbe yaabate. 4 Atini bubbe ergattu tolfate, angaasule hojattu tolfate. 5 Atini yayu yayaba lafaa jabeesite, isiini deebite inchochootu. 6 Atini baariini aka woya isi gubba keete, bisaani sunini gaareeni ch'ufa duuchani. 7 Atini bisaani suni d'owinaani isaani si d'eetani: Isani mandisu tante d'ageennaani baqatani. 8 Isaani gaara gubba baleeti ga buani, fulla atini mid'aasitefiti yaani. 9 Atini seera bisaani suni keete, aka isaani deebiani lafati infach'aamne. 10 Atini bale keesaa madda yaafte jiddu kubile laga baafta. 11 Laga suni keesaa bineensi bisaani d'uge, harreeni diidaleeni d'eebu baati. 12 Mukeeni d'aatu isa jiru irati simpirreeni mana jaarate sirbiti. 13 Atini gubbaa gaareeniti ga roobde, laftileeni eeba teetiini guutamti. 14-15 Atini marra horii baafte, mukhale nama baafta; aka akasiini inni mid'aanifi daad'i isa gammachiiftuufi; d'aad'a inni ifsaatufi qit'a jabeenna isaa kennule ira argatu. 16 Hind'eesi Lebanoni mukeeni AABBO Waaqi oobre, bokaya gudda argata. 17 Mukeeni suni gubbati simpirreeni mana jaarate, mukeeni d'ed'eertu iraleti baabo alloona mana jaarate. 18 Reeni alaa gaareeni d'ed'eertu gubbati galte, osileleeni d'akhaa gubbati d'okhati. 19 Atini jia uumte, akasiini bulti bonaafi rooba garsiifte; aduleeni hojja d'iitu imbeeti. 20 Atini halkanile uumte dukana keesa bineensi alaa ch'ufti gabaha. 21 Kubleeni nyeench'a ato adamsitu; itante sagale Waaqi kennuufi barbaaddi. 22 Hojja lafti bariitu, isiini deebite goda ufiti galte gach'iifti. 23 Duuba nami gabahe, huji ufii haga aduuni d'iituti hojata. 24 Ee AABBO Waaqa, atini waan heddu uumte! Atini qarooma akamitiini waan kana ch'ufa uumte. Wonti atini uumte sunini ch'ufti ya lafa guute. 25 Achi baariiniti jira — inni guddo balla; isa keesa bineensa hedduti gala, didiqaafi gugurdaleeni. 26 Hobolooni gubba deemte, gorjami Lewiathani jed'anileeni keesa tabata. 27 Wonti kunini ch'ufti hojja sagale feetu sira barbaaddi. 28 Atini sagale kenniteefi jennaani nyaatani quufani. 29 Atini dudda iti gaargalaani worri sodaate; atini hafuura keesa funnaani worri due biyye keesaa baheeti deebia. 30 Hafuura keetiini worri uumame; atini jireenna haaraa lafaa kennita. 31 Guddinni AABBO Waaqaa ha haga jiru jireenna tahuti! AABBO Waaqi waan inni uume ira ha gammaduti! 32 Inni lafa millannaani isiini hollatte; inni gaareeni tunnaani aari keesaa bahe. 33 Anini haga jiru ch'ufa AABBO Waaqaa sirba; haga lubbuuni na keesa jirtu anini Waaqa kiyya faarsa. 34 Sirbi kiyya ha isa gammachiisu, wonti akanatiifi gammadi kiyya isa iraa d'ufa. 35 Worra ch'ubbuu ha lafaa d'abani. Lubbu tiyya AABBO Waaqa faarsi! AABBO Waaqa faarsi! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya