Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 103 - KITAABA WAAQA

1 Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqa faarsi! Ee nafa kiyya ch'ufa, maqa isaa qulqullo faarsi!

2 Ee lubbu tiyya, AABBO Waaqa faarsi, dansuma isaa iwollaaliini.

3 Inni ch'ubbu tiyya ch'ufa naa araarame, d'ukuba kiyya ch'ufa na fayyisa.

4 Inni boola awaala dura na baase, naasufi jaalala naa kenne na eebisa.

5 Inni haga anini jiru ch'ufa waan dansa naa kenne na quubse, aka akasiini anini kaimuma tiyya keesa aka risa jabaad'e taau.

6 AABBO Waaqi nama dabsani d'uga mure, waan worraa malle kennaafi.

7 Inni mala ufii Musa garsiise, waan jabdu ufi tolchele worra Israeliti mullise.

8 AABBO Waaqi naasufi eeba qaba, hurre indallanu, jaalalti isaaleeni ind'umatu.

9 Inni hojja ch'ufa lole nama ingorsu, guyya ch'ufale namati indallanu.

10 Inni ch'ubbu teenna gula nu ingaargalchu, yokhaani wollaala keenna gula waan nu malle nu inkennu.

11 Jaalalti inni nama isa sodaatu jaalatu haguma fageenna lafafi gubbaani wolhanqattu geeti!

12 Akuma ilti boru ila aduu iraa fago jirtu, akasuma inni ch'ubbu teenna nuraa fageesa.

13 Akuma abbaani ilmaani ufiiti nahu, akasuma AABBO Waaqi nama isa sodaatu naha.

14 Inni waan duri iraa nu uume imbeekha, aka biyye iraa nu mid'aase inqaabata.

15 Jireenni namaa akuma buyyo jira inni bahe aka buyyo daraara;

16 duuba bubbeeni d'ufte hafufte balleesiti nami deebie inargu.

17 Ammo nama AABBO Waaqa sodaatu jaalalti isaa haga jirtu biraa indeemtu, dansumti isaaleeni haga jirtu ch'ufa,

18 nama wold'aqisa isaa guute seera isaa jabeesu ilakiftu.

19 AABBO Waaqi barch'uma ufii gubba d'aabe duuba waan ch'ufa mohata.

20 Isani malaikaani jajabduni, ta seera isaa guute dubbi isaa ch'aqaftu, AABBO Waaqa faarsa.

21 Isani worri gubba jajabaani hojattu isaa ta fed'i isaa tolchitu, AABBO Waaqa faarsa!

22 Wonti AABBO Waaqi uume, ta fulla inni fidu ch'ufa jirtu, ha AABBO Waaqa faarsitu. Lubbuuni tiyyaleeni ha AABBO Waaqa faarsitu!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan