Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 101 - KITAABA WAAQA

1 Anini waan d'ugaafi jaalala teeti sirba, ee AABBO Waaqa, sii sirba.

2 Anini ufi tissa, waan hamtu keesa inseenu. Atini yoomi nati d'ufta? Anini garaa qulqullooni mana kiyya keesa taa,

3 waan hamtule inoobsu. Anini adaba nama Waaqa iraa goru injibba; worra akasi suni waan worri tahu iti ind'iad'u.

4 Anini d'ara dubbad'e, nama sobe, waan hamtu keesa inseenu.

5 Anini nama d'ossaani hameenna nama d'ibi dubbatu imballeesa; anini nama kiyyibe ufi guddisu inoobsu.

6 Anini nama jabaate Waaqa d'ugeefatu eebiseefi mana kiyyati galcha. Nami d'uga ch'alla gula deemu naa hojata.

7 Nami kiyyibaani mana kiyya keesa intahu, d'artichi tokoleeni na dura inejju.

8 Guyya ch'ufa anini worra ch'ubbu lafa keesaa balleese, nama hameenna tolchu ch'ufa dira AABBO Waaqa keesaa gussa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan