Faaru 10 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, atini maafi fago nura ejite hojja nu gaargala qamnu nu d'okhatta? 2 Ch'ubbichi ufi saade kiyyiba ufii keesa hiyyeesa dabsa; t'urura worri mid'aafate keesati ha worra qabaniti. 3 Ch'ubbichi d'araa isaa hamtuuni koora; sabdichileeni AABBO Waaqa abaare isa dida. 4 Ch'ubbichi herega isaa keesa diqole Waaqa inargu; inni kiyyibe, Waaqi injiru jed'a. 5 Hujiini isaa ch'ufti intolti. Inni dandae qorsuma Waaqa inhubatu; inni nyaapa isaa ch'ufa tufate goyesa. 6 Inni waan ufiini jed'u wonti na chochoosa injirtu; anini haguma jiru gaargala inargad'u. 7 Afaani isaa abaarsafi kiyyibafi, dubbi nama sodaachiftuti keesaa baha. Inni yoosu dubbi ch'ubbu hamtu dubbata. 8 Inni ollowani keesati d'okhate, nama woma iyakiini gaade ijeesa. Inni nama ufi indandeenne, 9 aka nyeench'a goda keesati eegata. Inni hiyyeesa gaade, t'urura keesati qabe hirkise itiini d'aabata. 10 Nami ufi indandeenne suni gagabe ufumaa ch'iisa; nama hama irre qabuti akasi isa tolche. 11 Ch'ubbichi waan ufiini jed'u, Waaqi waan anini tahe kana iyyaalu, inni fuula d'ofate waan tahe laaluu dida! 12 Ee AABBO Waaqa, kai, ch'ubbicha gaargalchi! Ch'ubbicha suni gaargalchi! Nama gaargala qabu qaabad'i. 13 Ch'ubbichi maafi Waaqa tufate, Waaqi dandae woma na intolchu? Ufiini jed'a. 14 Ammo atini inuma agarta, atini gaargalafi laalala agarte, yo ch'ufa kurfo jirta aka nama qarqaartu. Nami qarqaarsa inqamne siti ufi kenna; atini haguma duriti d'ipata qarqaarte. 15 Irre ch'ubbichatifi ta dabdicha ch'ach'absi; maro hameenna worri tolcheefi worra gaargalchi, haga worri iraa deebiuti. 16 AABBO Waaqi hayyu haga jiru jireennati. Nami waaqa d'ibi kad'atu lafa isaa keesaa bada. 17 Ee AABBO Waaqa, atini kad'acha hiyyeesa d'ageete, garaa jabeesita. 18 Atini boha nama dabsanitiifi ta ilmaani hiyyeeyi d'ageeta; atini worraa dubbatte, akasiini nami ka ufiftu woma ufii imbaane deebie worra imudamsisu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya