Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 1 - KITAABA WAAQA


KITAABA QARA ( Faaru 1—41 ) Gammada d'uga

1 Ayyaana isaati ka mala worra ch'ubbutitifi akheekha worra dabaatiifi dubbi worra Waaqa tufatulle jibbe iti d'iaachu didu.

2 Ammo inni Seera AABBO Waaqaa halkani guyya barate jaalate guute gula deema.

3 Inni mukha d'aatu galaanati bahu fakaata, ka bara mid'aani bahani ch'ufa mid'aani baase, dameeleeni isaleeni ingonne. Wonti inni tolchu ch'ufti ineebifamitiifi.

4 Ammo nami ch'ubbu diqole akasi injiru; inni bua buuyo ta bubbeeni fuutu fakaata.

5 Nama ch'ubbu gaafa qorsuma Waaqi wollaala iti mura, inni gumi worra d'ugaa keesa fulla inqabu.

6 AABBO Waaqi worra d'uga tisse qorqorata. Ammo ch'ubbicha karuma isaa suniti baditi isa geesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan