Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ezekieli 6 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi na yaame waan nani jed'e,

2 Namicha, fuula kanke gara gaara Israeli deefad'i, dubbi tiyya tana iti himi,

3 waan jettuuni, Isani gaareeni Israeli, waan AABBO Waaqi guddaani jed'u, d'agaya. AABBO Waaqi guddaani waan kubileefi gaareenifi godaafi baleeni jed'u, Dubbi tiyya d'agaya. Anini fulla nami waaqoota d'ara iti kad'atu woraana iti erga.

4 Aka waan sorio irati baasanifi fulla hit'aana keesati aarsanile ch'ach'absani butuchani. Ammalle nama achi jiru suni ch'ufa Waaqoota worra suni durati fit'ani.

5 Anini reefa worra Israelille firfirse, lafele worrale d'aatu waan sorio irati baasaniti jissa.

6 Dira Israeli ch'ufa balleesani, fulla worri sorio irati baasufi waaqoota worrale ch'ufa tumani butuchani, waan worri hit'aana iti aarfatule ch'ach'absani, waan worri mid'aafatu ch'ufa d'id'iimati d'aani.

7 Nama fulla ch'ufati fit'ani, nami waan suni jalaa bahu aka anini AABBO Waaqaa beekha.

8 Anini nama gari woraana jalaa baase, duuba worra suni lafa ch'ufa keesa firfirsani,

9 worri achuma taa. Achiti worri na qaabate aka anini worra gaargalche ch'eerse beekha; wonti akanatiifi worri na lakise Waaqoota d'ara gula bahe Waaqa suni nara jaalate. Ammalle worri maro ch'eera d'abe waan hamtu taheefi ufi jibba.

10 Duuba worri aka anini AABBO Waaqaa beekhe, ammalle aka gorsi anini worra gorseleeni d'uga arga.

11 AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Harka raraasa, lafa d'id'iita, maro waan ch'eera hamtu worri Israeli taheeti jed'a boha. Worri woraanafi beelafi d'ukubaani raawata.

12 Nami fago jiru fayyad'abe raawata; ka d'io jiru woraanaani hobaa; ka waan suni jalaa bahuleeni garaachani hobaa. Akanaani worri aka dallansuuni tiyya hamtu arga.

13 Reefa worra fulla worri waaqoota isaani iti kad'atuufi fulla sorio irati baasanifi kubileefi gaareeni ch'ufa gubbaa, mukeeni dodotifi mukeeni gugurdole ch'ufa jalati firfirsani, fulla worri Waaqoota ufiiti sorio iti qalu ch'ufati. Duuba akanaani nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha.

14 Ee, anini harka kiyya olfud'ad'e, lafa worrale ch'ufa balleese, lafa gamooji ta bitaati fuud'e, dira Ribla ka mirgati d'aabe, ona tolche, ammalle nama Israeli ka keesa jiru ch'ufa bahu d'owa. Duuba akanaani nami ch'ufti aka anini AABBO Waaqa beekha.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan