Ezekieli 45 - KITAABA WAAQA1 Hojja lafa qoodani gosa Israeli ch'ufa qooda isii kennanifi, qooda toko ha eebisani AABBO Waaqaa koba kayani. Qooda suni, d'eerinni isaa ejata kuma kud'ani lamafi d'ibba shani, ballinnileeni ejata kuma kud'ani. Lafti sunini ch'ufti, haguma geetunu, qulqullo taati. 2 Qooda kana keesa, fullaani Mana Waaqa iti jaarani jiraachu malte. Fulla suni, d'eerinni moga isii ch'ufti ejata d'ibba lamatifi shantama tahu male. Ammalle fulla tana lafa ballinni isii ejata diddami shanitini marsu malani. 3 Lafa qulqullo tana moga toko, ta d'eerinni isii ejata kuma kud'ani lamafi d'ibba shani, ta ammalle ballinni ejata kuma shani, ha biimani qooda kaani iraa kutani. Duuba fulla suniti Mana Waaqa ka waan ch'ufa ira qulqullo jaarani. 4 Fullaani sunini lafa suni keesa Fulla qulqullo taati, ta qaalole Mana AABBO Waaqa keesa hojatuu kennani. Ammalle artumati maneeni worraatifi Mana Waaqale jaarani. 5 Lafa qulqullo tana moga hafte taani d'ibi ha worra Lawi, ka Mana Waaqa keesa hojatu, kennani. Ammalle dira worri iti galule ch'ufa achumati jaarani. 6 D'aatu lafa qulqullo suni lafa d'ibi ta d'eerinni isii ejata kuma kud'ani lamatifi d'ibba shani ta ballinnileeni ejata kuma lamatifi d'ibba shani ha biimani koba baasani worra Israeliti kennani, aka worri dira iti jaarate iti galu. Qooda lafa ka hayyuu kennani 7 Ammalle hayyu lafa mohatu qooda lafaa kennuufi malani, qoodi lafa suni ha lafaa qulqullo suni, moga isii ta ila adu iraa bahe, ilaadu qajeele, baariini guddati ejuti; ammalle moga isii ta ilaboru seeri ha ilaboru qajeele, seera lafa ka ilaboruti ejuti duuba akanaani d'eerinni lafa suni qooda lafa, ta gosa Israeliti kennani wolqit'e taha. 8 Fullaani tunini qooda lafa hayyuuni Israeli mohatu taati. Duuba innileeni deebie gumi tiyya indabsu, ammo lafa hafte taani ch'ufa gumi Israeliti lakisa. Seera hayyuuni gula deemu male 9 AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, Hayyoota Israeli, isani bara heddu ch'ubbu tolchitani! Ule isani nama d'aantanifi daba isani nama dabsatani suni lakisa. Waan d'ugaatifi ka qajeela tolcha. Deebitani gumi tiyya lafa isaani keesaa ingussina, nami dubbi tana isaniini jechu jiru ana, AABBO Waaqa gudda. 10 Nami ch'ufti waan woini biimani ka d'uga qabaachu male, misana taanaani, efa taanaani, bathile taanaani. 11 Efafi bathini biimani qit'e tahu malte. Bathini kud'ani homeri toko, efani kud'anileeni homeri toko; biima waan ch'ufa homeri tanaani beekhani. 12 Wonti isani woini biimitani tana tau malte: Gerani diddama shekeli toko; shekelini jaatama mina toko. 13-15 Biimani waan isani Waaqaa baaftani tana: Dargaye: mid'aani isani haamatani ch'ufa keesa, hid'aansa jaatama keesa, toko Waaqaa baasa, garbu: mid'aani isani haamatani ch'ufa keesa, hid'aansa jaatama keesa toko Waaqaa baasa. D'ad'a: qooda d'ibba keesaa toko Waaqa baasa. (D'ad'a kana woni bathi jed'ani kaaniini biima: Bathini kud'ani homeri toko yokhaani kori toko.) Hooliye: Hooliye d'ibba lama keesa toko Waaqaa baasa. Ammalle isani mid'aani Waaqaa baasanifi hori gubani sorio baasanifi hori sorio wold'ageeti baasanile baasu maltani, aka akasiini ch'ubbu teesani isanii araaramani. Nami dubbi tana jed'e ana, AABBO Waaqa gudda. 16 Nami lafa keesa jiru ch'ufti waan Waaqaa baasani kana hayyu lafa Israeli mohatuti geesu male. 17 Duuba inni hori gubanifi mid'aani Waaqaa baasanifi daad'i Waaqaa baasanile gaafa jila baatitifi ta Sabatotifi jila d'ibile, maro gosa Israeli ch'ufaa jed'e, baasu male. Ammalle inni sorio dabaani ufi iraa baasanifi mid'aani Waaqaa baasanifi hori gubani sorio baasanifi sorio wold'ageetile baasu male. Aka akanaani ch'ubbu worra Israeli balleesani. Jila 18 AABBO Waaqi guddaani waan jed'e, guyya qara ka jia qara, atini jibicha korma, ka aabo womatu inqamne, sorio qalte, Mana Waaqa qulqulleesu malte. 19 Duuba qaallichi d'iiga sorio dabaani nama iraa baasani suni haga toko fuud'e, mikhikila Mana Waaqatifi mesa sorio irati baasani kaani moga afraniifi, ammalle mikhikila balbala fullo naabo ta garaa keesa ibsaa. 20 Jia ch'ufa, guyya torbeeso, atini maro nama danu ch'ubbu tolcheetifi nama wollaala keesa ch'ubbu seenele jette, akasuma tolchu malte. Kara kanaani atini Mana Waaqa qulqulleesita. 21 Guyya kud'ani afreeso ka jia qara isani jila Pasaka tolfachu maltani. Bulti torba nami ch'ufti qit'a bukho inqamne nyaachuu male. 22 Guyya qara ka jila suni hayyichi jibicha korma maro ch'ubbu ufitifi ta gumi ch'ufati jed'e qaluu male. 23 Torbaani jila suni, guyya ch'ufa, inni jiboota koromi torbafi elemiye torba, ka horini kunini ch'ufti aabo womatu inqamne, gube AABBO Waaqaa sorio baasuu male. Ammalle inni guyya ch'ufa korbeesa toko sorio dabaani ufi iraa baasani qaluu male. 24 Jiboota koromi sunifi elemiye sorio baasani suni ch'ufa, mid'aani t'aasa gudda kud'ani torbatiifi t'aasa diqa tokotifi d'ad'a dulo sadii woliini baasuu malani. 25 Guyya kud'ani shaneeso, ka jia torbeeso, ka jila Hoosa, hayyichi bulti torbaani jila suni guyya ch'ufa sorio akasi, ta dabaani nama iraa baasanifi ammalle hori gubani sorio baasanile baasuu male. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya