Ezekieli 10 - KITAABA WAAQA1 Anini waan gasare manaa fakaata, ka mata waan koola ka lubbu qabaati gubbaa jiru laale, waan suni gubbaa barch'uma d'akha bule ch'uluqaani mid'aasani arge. 2 Jennaani Waaqi waan namicha woya boofta keeyatu kaaniini jed'e, Beeni, waan miila gaari fakaata kaani, ka waan koola ka lubbu qaba kaani jala jiru, jiddu deemi, ch'ile ibida harka guutad'i, duuba ch'ile suni dira gubbati firfirsi. Ato anini laalu, inni kae deeme. 3 Yo inni miila waan koola suni jala seene, wonti koola, ka lubbu qaba suni Mana Waaqa gama bitaa ejaanjiti, duuba hurrileeni ch'icha Mana Waaqa d'ossite. 4 Ifsaani bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi achi jiru garsiisu kaani, waan koola qaba suni ira bahe, balbala Mana Waaqa d'aqe. Jennaani hurrini taani Mana Waaqa keesa seente duuchite, ifsaani kaani ch'ich'aati ifse, lafa ch'ufa guyyaase. 5 Wobbeesa koola waan lubbu qaba suni Mana Waaqa alalleti ind'agayani. Wobbeesi sunini qonqo Waaqa gudda fakaata. 6 AABBO Waaqi namicha woya boofta keeyatu kaaniini, ibida waan miila gaari fakaata kaani jiddu fuud'i jed'eeni, jennaani namichi d'aatu miila toko eje. 7 Wonti koola qaba kaani toko harka ufi ibida jiddu miila worraa jiru kaani keesa keete ch'ile ibida fuute harka namicha woya boofta keeyatu nat'e. Jennaani namichi ch'ile taani fuud'e, kae deeme. 8 Wonti koola suni ch'ufti koola ufi jala waan aka harka namaa jira qabdi. 9-10 Ammalle anini waan aka miila gaari afuri, ka ch'ufa wolfakaatu ka waan koola kaani toko tokooni bira eju arge. Miili sunini ch'ufti aka d'akhaye ch'uch'ulut'u bibiliqa, miila suni kamu miila d'ibiti wod'aka keesani iti ejaanja. 11 Wonti koola kunini yo yaatu ka garu garaingalle garuma fuula deefatu yaati. Wonti suni ch'ufti ka gargari imbaane, yokhaani garaingalle, fulla feetu ch'ufa yaati. 12 Nafa worraa, dudda, harka, koola, miila miila gaari fakaatu kaanile, ch'ufa, ilati marse iti ejaanja. 13 Miili sunini ch'ufti miila anini daayya qara taani keesati argeeni wolfakaata. 14 Wonti sunini afraanu fuula afuri qabdi. Ka qara fuula korma looni, ka lameeso fuula namaa, ka sadeeso fuula nyeench'aa, ka afreeso fuula risaa. 15 (Wonti kunini ch'ufti woma anini d'aatu galaana Kebariti arge.) Yo wonti kunini chochoote olkaatule, 16 wonti miila gaari fakaata kaanileeni worruma woliini yaati. Ammalle yo worri koola ballise babarisule worruma woliini deemti. 17 Hojja wonti koola kunini ejaanjitu, miililleeni inejanja; yo wonti kunini bariftu, miililleeni imbarisa; wonti akanatiifi irreeni miila suni waan koola qaba suni iraa baati. 18 Jennaani ifsaani bibiliqu, ka aka AABBO Waaqi achi jiru garsiisu balbala Mana Waaqa keesaa bahe, waan koola qaba kaani gubbaa tae. 19 Duuba wonti koola qaba suni, ato anini ilaalu, olkaate koola ballifte barifte. Jennaani miili kaanileeni isii woliini iti d'aabate. Wonti koola sunini balbala Mana Waaqa ta ilaboru geennaani diqo miila d'aabate, hojja suni ifsaani bibiliqu kaanileeni worruma gubba jira. 20 Anini waan koola qaba suni arginaani, aka wonti kunini waan Waaqa Israeli jala jira, ka anini d'aatu galaana Kebariti arge kaani, hubad'e. 21 Wonti kunini ch'ufti fuula afurifi koola afurifi waan harka namaa fakaata koola ch'ufa jalaa qabdi. 22 Fuuli worraa fuuluma waan anini d'aatu galaana Kebariti arge kaani fakaata. Wonti sunini ch'ufti gamuma fuula deefatu qajeelte yaati. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya