Esta 10 - KITAABA WAAQA1 Jennaani hayyu Ahasueroni worra afaani baariini taufi ka garaa lafa tauni, Damoosa baasa jed'e. 2 Waan jabdu nama mamsiiftu ta inni tolcheefi aka inni Mordekai guddinna kennele, layu kitaaba hayyoota Medifi Ajemi keesati t'aafani. 3 Mordekaiini ka gosa Yahudi, guddinnaani hayyu Ahasueroti aana. Inni Yahudi keesa gurra guddo qaba, ammalle gochiti isaa ch'ufti guddo isa feeti. Inni nagayafi bultuma gosa isaatiifi ilmaani worraa ta takaa tanale barbaade. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya