Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Efessoon 6 - KITAABA WAAQA

1 Ijoolle, maro Kristotiifi worra keesani saalfad'a, wonti kunini waan tolchu malani.

2 Jechi abbeetiifi haateti saalfad'a jed'u kakhu d'ibi iti darani qaba;

3 kakhuuni suni waan jettu, aka lafa Aabbo Waaqi sii kennu keesati lubbuuni tante d'eeratu jetti.

4 Aabbooti, ijoolle teesani imufachisiina, ammo barsiisafi gorsa Aabbootiini guddisa.


Gorsa tisselefi aabbooti

5 Tissele, abbooti teesani, sodaafi holachani ch'aqasa, akuma waan Kristo hojattani garaa tokooni hojad'afi.

6 Hojja worri isani ilaalu ch'alla inhojatiinaafi, ammo garaa keesani ch'ufaani waan Waaqi fed'u tolcha, aka tissele Kristo.

7 Huji teesani ta tisse gammadaani tolcha, akuma waan nama inhojanne ammo Aabbo hojatanu.

8 Qaabad'a, aka Aabbooni nama ch'ufaa galata kennu, tisseefi balchale, maro huji dansa ta inni tolchuufi.

9 Aabbooti tisselee, tissele teesani akuma suni tolcha, insodaachiisiina. Qaabad'a, aka isanifi tisseleeni teesanileeni abba taka gubbaa qabdani, ka nama ch'ufa waan takaa tolchu.


Waan miha lola nama Kristiana

10 Dubbi buufata, Aabbo keesa jabaad'a, irre isaa guddooni.

11 Miha lola ka Waaqi isanii kennu ch'ufa guurad'a, aka malte Sheet'ana dabsattani.

12 Wonti akanatiifi nu namaani woli had'uuti injirru, ammo qilleensa hama lafafi gubbatiini wolhad'u jirra, jabeennaafi irre gubba ta bara dukana kanale.

13 Tanaafi ammatana miha lola ka Waaqa olfud'ad'a! Duuba yo guyyaani hamaani d'ufe dandeetani irre nyaapa dabsattani, aka eegi haatanile duddaduuba indeebine.

14 Tanaafi kurfo taa, eegad'a: d'uga aka gurda hid'aanati hid'ad'a; dubbi d'ugatiini hameenna qoma teesani iraa d'owad'a,

15 kurfo taa, aka hojja ch'ufa Odu Dansa ta nagaya aka kobe keyattani.

16 Hojja ch'ufa d'ugefacha aka wonte baad'a; aka t'iya bobeetu ta Hamaani Kaani darbatu d'aamfitani.

17 Baafama aka ruufa marad'a, dubbini Waaqaleeni ha sheefti Lubbuuni isanii kennitu taatu.

18 Waan kana ch'ufa kad'achaani tolfad'a qarqaarsa Waaqa kad'ad'a. Hojja ch'ufa Waaqa kad'ad'a, akuma Lubbuuni isani agarsiiftu. Maro waan kanatifi hojja ch'ufa kurfo eegad'a; ufi injibaatiina, hojja ch'ufa gumi Waaqati kad'ad'a.

19 Anale Waaqa kad'ad'a, aka Waaqi, hojja anini dubbachu fed'u, dubbi anini jabeennaani dubbad'u naa kenne d'ossa Odu Dansa mullisu.

20 Maro Odu Dansa tanaatiifi gara na ergani, ato anini amma hid'aansa keesa jiraad'ele. Tanaafi Waaqa naa kad'ad'a, aka anini jabeese dubbad'u, akuma tolchu male.


D'aamsa eege

21 Tikikoni, oboleesa keennafi hojattuuni teenna ta d'uga huji Aabbo keesa, odu tiyya ch'ufa isaniti odeesa, aka isani waan anini keesa jiru hubattani.

22 Maro waan kanatifi anini isa gara keesani erga, aka waan nuuni ch'ufti keesa jirru inni isani beesise garaa isani jabeesu.

23 Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni nagayafi jaalala oboleyaani ch'ufaa kenniina, d'ugefacha woliini.

24 Eebiti Waaqa nama Aabbo Yeso Kristo guddo jaalatu ch'ufa woliini tahinna.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan