Efessoon 5 - KITAABA WAAQA1 Isani ijoolle Waaqaati, tanaafi aka isaa tahu maltani. 2 Jaalala keesa yaa, akuma Kristoni nu jaalate jireenna ufii nuu baase, sorio dansa fooleeni isii Waaqa gammachiiftu nuu tahe. 3 Maro isani gumi Waaqa taataniifi waan algaloomatiifi ka t'uritiifi ka sabdooma jiddu teesaniti maqale ind'aiina. 4 Dubbi t'uritiifi ta daallumatiifi ta imfakaanne jechu himmalle. Ammo waan ch'ufa keesati sila Waaqaa galata deebisu maltani. 5 Waan kana aka dansaa beekhu maltani: nami algali, t'urichi, sabdiini (ka Waaqa wollaale waan nami harkaani mid'aasu kad'atu) qooda Finna Kristotiifi ka Waaqa keesaa inqabu. 6 Nami tokoleeni dubbi kiyyiba ta d'aratiini isani insobini: maro waan kanatifi dalansuuni Waaqa worra isaa inch'aqamneti d'ufti. 7 Tanaafi nama akana kana lagad'a. 8 Isanumanu duri dukana keesa jirtani, ammo haga gumi Aabbo taatani, ifsa ke jirtani. Tanaafi aka nama ifsa keesa jiru tahu maltani. 9 Ifsati mid'aani dansoomatiifi ka d'ugatiifi ka qajeelumatiini d'ufa. 10 Waan Waaqa gammachiisa jabaad'a barad'a. 11 Nama waan woma imbaane tolchu, ka dukana fed'u, lagad'a. Ammo waan suni diidati baasa. 12 Yo waan worri d'ossaani tolchu hasaani waan ch'eeraati. 13 Ammo wonti ifsati baasani ch'ufti aka dansa mullatti; 14 wonti mullisani suni ch'ufti ifsaa taati. Wonti, Kai, nama rafe, duisa keesaa kai, Kristoni siti ifsa jed'aniifi tana. 15 Tanaafi deema teesani keesa aka dansa ufi qorqorad'a. Aka nama woma imbeenne intahiina, aka nama qaro taha. 16 Yo qoomni argattani ch'ufa waan dansa tolcha, bari kuni hama. 17 Indaallaina, fed'i Aabbo Waaqaa hubad'a. 18 Daad'iini imachaiina, wonti kuni isani balleesiti; ammo Lubbuuni Waaqaa isani guutiinna. 19 Dubbi faarutiifi ta sirba Waaqaatiini wolhasaa; faaru Aabbo garaa keesani keesati gammadaani d'ahad'a. 20 Waan ch'ufa keesafi hojja ch'ufa Waaqa Aabbo galata deebisa, maqa Aabbo Yeso Kristotiini. Gorsa d'iirsafi niiti 21 Woli ch'eera, maro Kristo saalfattaniifi. 22 Nad'eeni ha d'iirsole ufiti ch'eerfatuuti, akuma Aabbo ch'eerfattu. 23 Akuma Kristoni mata gumi isaa, d'iirsileeni mata niiti isaati; Kristoleeni ufi isaati Qarqaarsa gumi, ta nafa isaa. 24 Tanaafi nad'eeni aka dansa d'iirsole ufiiti ch'eeru malte, akuma gumiini Waaqa Kristo ch'eertu. 25 D'iirsole, akuma Kristoni gumi ufi jaalate nafa ufi kenneefi, isanileeni akasuma nad'eeni teesani jaaladlad'a. 26 Inni aka gumi ufi qulqulleesu waan kana tolche, dubbi ufitiini, eegi bisaaniini d'iqe, 27 aka gumi isaa ila ufi duraani d'ufu, mid'aagumafi qulqulloomaani, wollaalafi bobotolefi waan qit'e intahiini male. 28 D'iirti aka ufi jaalattu niiti ufi jaalachu malte. Nami niiti ufi jaalatu ufi jaalata. 29 Nami ufi jibbu injiru, ammo namu ufi bulcha, akuma Kristoni gumi Waaqaa tolchu; 30 wonti akanatiifi nu mita nafa isaati. 31 Maro waan kanatifi t'aafiini, d'iirti abbaafi haad'a ufi lakifte niiti ufitiini taka taati, jari lamaani nafa takaa taha jetti. 32 Dubbi d'uga guddoti t'aafi tana keesa mullata; isiini, mala kiyya, Kristofi gumi Waaqale baanti. 33 Ammo isanile imbaanti: d'iirti ch'ufti niiti ufii aka ufi jaalattu jaalachu malte; nad'eenileeni d'iirsole ufiiti ha saalfattu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya