Efessoon 4 - KITAABA WAAQA1 Anini ka maro anini Aabbo hojad'uufi na hid'ani, isani kad'ad'a yaamicha Waaqi isani yaame gula yaa. 2 Ufi olimfuud'ina, laana yaa, waan ch'ufa obsa. Jaalala teesani wolqarqaarsaani agarsiisa. 3 Takaa tahiti Lubbuuni namaa kennitu jabeesa qorqorad'a, nagaya takaa isani tolchu suniini. 4 Nafa tokofi Lubbu toko ch'allati jira, akuma abdiini toko, ta Waaqi iti isani yaame. 5 Aabbo tokofi d'ugefacha tokofi batiso toko ch'allati jira; 6 Waaqa toko ch'allati jira ka Abba nama ch'ufaa; inni waan ch'ufa ira jira, waan ch'ufa keesa hojate waan ch'ufa keesa jira. 7 Nu nami ch'ufti yayu herega Kristo gula eeba arganne. 8 Akuma t'aafiini jettu, gaafa inni gubba olkore worra hid'ani heddu ufi gula fuud'e, namale wo kenne. 9 Duuba, Inni gubbaa olkore jechuuni maani? Qaraa fiit'e inni gadi bue jetti lafa jalati. 10 Namuma gadi bue suniti ammalle achi gubbati oldeebie, aka waan ch'ufa guutu. 11 Isati wo namaa kenne; nama gari ergattu tolche, ka gari raaga tolche, ka gari odeesitu dubbi tolche, ka gari tissitu tolche, ka gari barsiiftu tolche. 12 Wonti inni waan kana tolcheefi aka gumi Waaqa ch'ufa huji Waaqaati kurfeesu, aka nafa Kristo jaarani. 13 Duuba nuuni ch'ufti garaa tokooni, d'ugefacha teennafi beekhuma teenna ta Ilma Waaqaatiini wolti d'umna; nama gugurda taane, haga Kristoni gahu geenna. 14 Iti deebine ijoolle d'awaani galaana d'od'ooftu intaanu yokhaani ta barsiisaani nama d'ara ch'ufti chochooftu intaanu, ka malteeni nama d'ibi kara ira gorsu. 15 Ammo jaalalaani d'uga dubbanne kara ch'ufaani Kristo, ka mata keenna, keesa guddachu malle. 16 Jabeenna isaatiini nafi keenna ch'ufti taka, ammalle nafi ch'ufti mita ufitiini wolti eja. Tanaafi yo mitaani ch'ufti garaa ufitiini hojate, nafi ch'ufti guddate jaalalaani jabaata. Jireenna duritiifi jireenna haraa 17 Maqa Aabbootiini anini waan kana jabeese jed'a: aka worra Waaqa imbeenne, ka qalbiini worraa woma imbaanne, 18 ka qalbiini ammalle dukana keesa jirtu intahiina. Worri jireenna Waaqi kennu keesa qooda inqabu; wonti akanatiifi worri daalle woma imbeekhu. 19 Ch'eera inqabu huji dabati ufi kenne, waan ch'eera ka aka ch'ufa ka ira ufi ind'owine taha. 20 Wonti isani waan Kristo barattani akasiiniti! 21 Isani ya waan isaa d'ageetani, ammalle aka nama isa gula yau ya d'uga Yeso keesa jirtu barattani. 22 Tanaafi jireenna keesani dullacha duri, ka waan isani duri taatani isani tolche — jireenna duri ka d'araani hamtuuni balleesite baafad'a. 23 Garaafi qalbi teesani hareesa tolchu malani. 24 Jireenna hareesa aka woya fud'ad'a, ka fakeenna Waaqa gula mid'aasani, ammalle ka finna d'uga ka qajeelumafi qulqulloomaani mullatu. Seera jireenna guyya ch'ufa 25 Iti deebitani inkiyyibiina duuba! Nami ch'ufti ha oboleesa ufiti d'uga dubbatuuti; wonti akanatiifi nuuni ch'ufti nafa Kristo keesati mita. 26 Yo dalantani, dalansuuni teesani daba keesa isani inseensisiini; dalansuuni aduuni isaniti ind'iini. 27 Sheet'ani qoomni inargatiini. 28 Nami duri wo hatu ha hanna lakise hojatuuti, aka harka ufitiini ufi bulche hiyyeeyile qarqaaru. 29 Hasaa keesati dubbi hamtu injed'ina. Dubbi dansa, ta nama qarqaarte jabeesitu ch'alla jed'a, aka worri d'agayu eeba argatu. 30 Lubbu Qulqullo Waaqa ilaalefachiisiina; Lubbuuni tunini beesisa Waaqa ka isani gubba jiru, ka aka guyyaani isani balchoomsani d'ufu agarsiisu. 31 Garaa hameennafi, d'araafi dalansu ch'ufa lakisa. Iti deebitani woli loltani woli inarabsina! Ammalle wolinjibiina! 32 Ammo arja taha, woli naha, woli araarama, akuma Waaqi maro Kristotiifi isani araarame. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya