Efessoon 3 - KITAABA WAAQA1 Maro waan kanatifi anini Pauloni, ka maro Kristo Yesotiifi hid'ani, isani gosa d'ibiti Waaqa kad'ad'a. 2 D'uguma, isani ya d'ageetani, aka Waaqi eeba isatiini huji tana naa kenne, aka isanii jed'e hojad'u. 3 Waaqi herega isaa ka d'ossa nati mullise na beesise. Anini waan kana ya diqo toko t'aafe, 4 yo waan anini t'aafe soomtani, aka anini waan d'ossa ka Kristo barad'e inargitani. 5 Duri waan d'ossa kana namati inhimani, ammo amma Waaqi ya Lubbu ufitiini ergattu ufi qulqullofi raagootati mullise. 6 Wonti d'ossani tana: maro Odu Dansatiifi gochiti d'ibileeni, akuma Yahudiini argatte, eeba Waaqa argatti; worri ch'ufti mita nafa tokoti, kakhu Waaqi Kristo Yeso keesati tolchele inargata. 7 Waaqi eeba ufitiini hojattu Odu Dansa na tolche, eeba suni jabeenna huji ufitiini naa kenne. 8 Anini gumi Waaqa ch'ufa maand'a qit'issu, ammo Waaqi huji gosa d'ibiti Odu Dansa odeesani nati kenne, aka durooma Kristo ka ind'umanne barsiisu, 9 ammalle aka nami ch'ufti mala Waaqa ka d'ossani amma guutani argu. Waaqi, ka waan ch'ufa uume, duri mala ufi d'ofate, 10 aka hojja tana, gumi Waaqaatiini, hayyoota malaika fakaattufi jabeenni gubba jiru ch'ufti qalbi Waaqa ta aka aka jirtu baratu. 11 Waaqi herega ufi ka hegeri gula waan kana tolche, ka inni Kristo Yeso Aabbo keennaani guute. 12 Isa keesa waan nu isaa d'ugefanneefi, fuula Waaqa dura d'ufu indandeenna, ch'eerafi soda male. 13 Tanaafi anini isani kad'ad'a, waan anini maro teesaniifi gaargaleefi ufi injibaatiina; wonti kuni ch'ufti isanii olaanti. Jaalala Kristo 14 Maro waan kanatifi anini Aabbo durati jilbifad'a, 15 inni abba worra ch'ufa, ka nami lafafi gubba jiruleeni maqa d'ugaa ira argatu. 16 Anini Waaqa kad'ad'a, aka inni durooma guddinna ufitiini jabeenna Lubbu Qulqullo ta garaa keesani jabeesitu isanii kennu, 17 aka Kristoni, garaa keesani keesati qubatu, maro d'ugefachatiifi. Anini inkad'ad'a, aka hiddafi yayabi keesani jaalala keesa tau, 18 ammalle aka isani, gumi Waaqa woliini, hubacha jaalala Kristo argatani, aka jaalalati suni fulla ch'ufa geetu, ballinnafi d'eerinnafi gadi qilumale ch'ufa keesa. 19 Ee, aka jaalala isaa barattani ato nami dandae ch'ufa imbarannele akanaani qit'ooma Waaqaatiini guutamtani. 20 Gara isa, ka dandae waan nu kad'annu ira nuu kennu yokhaani waan nu herennule ira, maro jabeenna nu keesa hojatuufi: 21 gara Waaqa, gumifi Kristo Yeso keesa, guddinni ha tahuuti, haga d'aloota ch'ufa, ammafi hegerile! Amini. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya