Efessoon 1 - KITAABA WAAQA1 Maqaani kiyya Paulo; anini fed'i Waaqaatiini ergattu Kristo Yeso tahe. Gara gumi Waaqa ta Efeso keesa jirtu, ta jireenna ufitiini Kristo Yeso d'ugefate tatabe tana t'aafa. 2 Waaqa Abbaafi Aabbo Yeso Kristoni eebafi nagaya isanii kenniina. Eeba lubbu Kristo keesa 3 Waaqa, Abba Aabbo keenna Yeso Kristo galata deebimna! Inni Kristo keesa nu eebise eeba ch'ufa ta lubbu gubbaa nuu kenne. 4 Ato lafa inuumiini, Waaqi ya Kristo keesa nu fohate, aka nu qulqulloomne wollaala male isa dura yaanu. Maro jaalala isaatiifi 5 Waaqi ya qara nu fohate, aka kara Yeso Kristotiini ufitiini nu d'ufe ilmaani ufi nu tolfatu, fed'i isaa gula. 6 Koota, Waaqa galata deebimna, maro eeba isaatiifi, waan inni Ilma isaa ka inni jaalatu keesa nu eebiseefi. 7 Inni d'iiga ufitiini nu bite nu baase, daba keenna nu araarame. Eebiti Waaqa, 8 ta inni guddise nuu kenne waan guddo! Qalbifi malte isaatiini 9 Waaqi waan qara herege tolche, waan d'ossa, ka inni Kristoni, guutu duratu nu beesise. 10 Wonti Waaqi tolchu fed'u, aka yo hojjaani geete, uumama lafa ch'ufa ka lafafi gubba jiru woltiini d'ufe Kristo mataa tolchu. 11 Waan ch'ufa fed'i herega Waaqa gula tolchani ammalle Waaqi fed'i ufitiini Kristo keesa nu fohate nama ufi nu tolfate, herega isaa ka qara kaani gula. 12 Tanaafi nu worri qara Kristo heregatu guddinna Waaqa faarsina! 13 Isanileeni akasuma: gaafa dubbi d'uga d'ageetani, Odu Dansa ta baafamaani isanii d'ufte, isani Kristo d'ugefattani, jennaani Waaqi beesisa ufi isani ira keyate Lubbu Qulqullo ta kakhate isani kenne. 14 Lubbuuni tuni qabdo teenna, aka nu waan Waaqi nu kakhate argannu nu agarsiifti, ammalle aka Waaqi balchoomsa d'uga worra ufiti kennu himti. Guddinna isaa faarsina! Kad'acha Paulo 15 Maro waan kanatifi anini haguma d'ugefacha isani Aabbo Yeso d'ugefattaniifi jaalala isani gumi Waaqa jaalattani d'agaye, 16 maro teesaniifi Waaqaa galata deebisu illakimne. Anini hojja ch'ufa kad'acha tiyya keesati isani qaabad'a, 17 ammalle Waaqa, Abba guddinna, ka Aabbo keenna Yeso Kristo, kad'ad'a, aka inni lubbu isani qaroomsite Waaqa isaniti mulliftu isanii kennu, aka isani baratani. 18 Wonti anini kad'ad'u, aka qalbiini teesani banamte ifsa isaa argitani, aka isani abdi inni iti isani yaameefi eeba durooma ta inni gumi isaati kakhate hubattani, 19 ammalle aka jabeenni isaa, ka nu worra isa d'ugefate keesa hojatu gudda hubattani. Jabeenni kunini 20 kauma inni Kristo duisa keesa kaaseeni, harka ufi ka mirga gubba fulla ufi teesiseeni. 21 Kristoni achiti hayyoota gubbafi jabeennaafi irreefi nama jaba ch'ufa fida; inni maqa ulfinna ka lafa tanaatiifi ka hegerile ch'ufa ira jira. 22 Waaqi waan ch'ufa ya miila Kristo jalati deebise, aka inni Mata waan ch'ufaa tahu inni ya gumi Waaqati kenne. 23 Gumiini Waaqa nafa Kristoti; qit'ooma isaati, ka waan ch'ufa fulla ch'ufati qit'eesu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya