Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ebrania 9 - KITAABA WAAQA

1 Wold'aqisi qara aada kad'achatiifi fulla Waaqa iti kad'atani nami harkaani mid'aase qaba.

2 Waaro d'aabani, bada isii Fulla Qulqullo jed'ani. Bada suni keesa ifsefi mesafi qit'a Waaqaa baasaniti jira.

3 Golla lameeso duuba, waaro ta Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo jed'aniti jira.

4 Isi keesa fulla hit'aana iti aarsani ta worqiini mid'aasaniifi Sanduqa Wold'aqisa, ka Waaqa, ka worqi dibaniti jira. Sanduqi kaani eele worqi ta sagale manna jed'ani qabduufi ule Haruni, ta baala baaftefi d'akha lama ka dubbi wold'aqisa irati t'aafisa qabdu qaba.

5 Sanduqa gubba fakeenna waan lubbu qabaati ka aka Waaqi achi jiru garsiiftuti jira, ta koola ufi fulla daba namaa araaramaniti balliftu. Ammo yoi waan ch'ufa diideesani himani, ammaniti.

6 Eegi waan kana kurfeesani, qaaloleeni hojja ch'ufa bada waaro taani olseenti, aka huji ufi hojattu;

7 ammo qaallu gudda ch'allati Waaro gaara keesa keesa seena, ammalle waan kana ganna keesati maro toko ch'alla tolcha. Qaalluuni kaani d'iiga fuud'e, aka maro ufitiifi, maro worra ato imbeekhiini daba tolcheefi, jed'e Waaqaa baasa.

8 Lubbuuni Qulqullooni akuma dansa agarsiifti, aka karaani ka Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo d'aqu ammalle imbanne, haga badaani waaro olejitu.

9 Akheekhi kunini ammalle waan arra hima. Galatafi sorioni, ta Waaqa baasani, dandeete garaa nama Waaqa kad'atu inqulqulleesitu.

10 Wonti kunini waan nyaataniifi waan d'uganiifi aada qulqulleesa ch'alla. Tunini ch'ufti seera alaati, ta haga Waaqi waan ch'ufa garagalche imid'aasiini ch'alla jirtu.


Waan wold'aqisa haraa

11 Ammo Kristoni ya aka Qaallu Gudda, ka waan dansa lafa tana keesa jiru tahu d'ufe. Waarooni inni keesa hojatu waaro taani ira guddo, ammalle ira dansa. Nami imid'aasine, akasi jechaani waan lafa tana keesati uumaniiniti jechu.

12 Gaafa Kristoni waaro ke bahe dabre Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullo maro toko keesa seene, inni d'iiga sorio reetiifi ka yabiye imfud'anne; ammo d'iiguma ufi fud'ate, baafama hegeri nuu tolche.

13 D'iiga reetiifi ka koromitiifi daara jibicha sorio baasani nama qulqullo intahiiniti firfirsani, t'uri worraa iraa fuud'ani worraa qulqulleesani.

14 Waan wonti kunini d'uga taateefi, d'iigi Yeso hagasi ira wo baha? Lubbu hegeritiini inni aka sorio d'uga Waaqaa ufi baase. D'iigi isaa herega keenna huji hamtu ira qulqulleesa, aka nu Waaqa jiru hojannu.

15 Maro waan kanatifi Kristoni nama wold'aqisa haraa kurfeesu tahe, aka worri Waaqi yaame eeba hegeri ta Waaqi kakhate argatu. Wonti woni kuni taatuufi, maro duisi jiruufi ka wollaala wold'aqisa qara jalati tolchani, keesaa nama baasu jiruufi.

16 Fulla d'aalti jirtu, nami iraa d'aalani qara duu male,

17 d'aalti haga nami iraa d'aalani suni jiru injirtu, yo inni due ch'alla taati.

18 Maro waan kanatifi wold'aqisi qaraleeni d'iigaani tahe.

19 Qaraa fiit'e Musani Seera kitaaba Seera keesati t'aafani nama ch'ufati hime. Jennaani d'iiga yabiyetiifi ka korbeeyitifi bisaani fuud'e, kitaaba Seeratiifi nama ch'ufati qumbiifi butu diimtuuni fifit'e.

20 Duuba waan jed'e, D'iigi kunini ka wold'aqisa Waaqi isanii tolche beesisu.

21 Akasuma Musani Waarofi miha kad'acha ch'ufa d'iiga iti fifit'e.

22 Ammalle Seera gula waan ch'ufa d'iigaani qulqulleesani; dabale, yo d'iiga jissani ch'alla araaramani.


Sorioni Kristo daba balleesiti

23 Tanaafi fakeenna waan gubba jirani sorio tanaani qulqulleesu malani. Ammo wonti gubba jirani sorio hagasi iraa feeti.

24 Wonti akanatiifi Kristoni fakeenna fulla qulqullo, ta nami harkaani mid'aase keesa inseenne. Inni gubbati olgale, fulla inni amma maro teennaafi fuula Waaqa dura eju.

25 Qaallichi Guddaani ka Yahudi ganna ch'ufa d'iiga horitiini Fulla Qulqullo seena. Ammo Kristoni maro heddu ufi baasu achi inseenne;

26 yo akasi tolche, maro heddu haga lafa uumani sila gaargala. Ammo ammatana inni ya maro tokotu mullate, ka d'alooti ch'ufti diquma inhobaiini, aka sorio nafa ufitiini daba balleesu.

27 Akuma nami ch'ufti maro toko ch'alla due, ammo eegi suni Waaqi nama qoru,

28 akasuma Kristole maro toko sorio baasani, aka daba nama heddu baasu. Inni maro lameesole indeebia, aka daba balleesuuniti, ammo aka worra isa eegatu baasu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan