Ebrania 3 - KITAABA WAAQA1 Oboleyaani tiyya ta Kristiana, Waaqi ya isanile yaame! Yeso ka Waaqi erge, aka Qaallu Gudda d'ugefacha teenna tahu, ilaala. 2 Akuma Musani duri huji Waaqa ch'ufa guute, mana isaa keesati, akasuma Yesoleeni huji Waaqi isa fohateefi guute. 3 Nami mana jaaru, mana suni ira gurra argata. Akuma suni Yesoni Musa ira guddinna argachu male. 4 Mana ch'ufa namati jaara — ammalle waan ch'ufa Waaqati jaare. 5 Musani huji Mana Waaqa ch'ufa guute. Inni hojattu, waan Waaqi hegeri dubbatu ch'ufa la dubbate. 6 Ammo Kristoni aka Ilma mana Abba qorqoratu waan ch'ufa guute. Nu mana isaati, yo nu waan abdannu, soda male, garaa jabaanne d'ugefanne. Boqota gumi Waaqa 7 Tanaafi, akuma Lubbuuni Qulqullooni jettu, Yo qonqo Waaqa arra d'ageettani, 8 aka duri mata jabaatani Waaqa diddani, amma indidiina, aka gaafa duri lafa gamooji keesati isa ilaalattani. 9 Achiti ababooti teesani nati gamte, ato waan anini ganna afurtama keesati tolche argitele. 10 Maro waan kanatifi anini worra kanati dalane, waan jed'e, Worri kuni hojja ch'ufa waan heregu keesati wollaala qaba, taka kara kiyya imbaranne 11 anini dalane kakhad'e waan jed'e, Worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu! 12 Oboleyaani tiyya, eegad'a, aka nami tokoleeni, isani keesa, garaa hama ka ind'ugefanne argate Waaqa jireenna iraa garingale. 13 Ammo aka dabi nama tokole yake sobe mata injabeesine, guyya ch'ufa woli qarqaara, haga t'aafiini, Arra jettu ch'ufa. 14 Nuuni ch'ufti Kristoni woli wahela, yo nu d'ugefacha teenna haga muumme jabeesine qabanne. 15 T'aafiini akana jetti: Yo qonqo Waaqa arra d'ageettani, aka duri mata jabaatani Waaqa diddani indidiina. 16 Eentu qonqo Waaqa d'agaye dubbi isaa dide? Worra Musani Misiri keesaa yaame ch'ufa. 17 Waaqi ganna afurtama eennuti dalane! Worra daba tolche, ka lafa gamooji keesati raawate ch'ufa. 18 Gaafa Waaqi khakhate, worri kuni haguma jiru boqota anini worraa kurfeese inargatu jed'e, Inni waan eennu dubbate? Inni waan worra dubbi isaa dide dubbate. 19 Tanaafi, aka worri waan d'ugefachu dideefi boqota suni argachu dad'abe argina. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya