Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ebrania 2 - KITAABA WAAQA

1 Maro waan kanatifi nu dubbi d'ageenne tana jabeesu male, aka iraa ingorre.

2 Yo d'aamsi malaikaani jette suni d'ugaa tahe, ammalle yo nami ind'ugefanne yokhaani ka ee jed'e imfud'anne ch'ufti gaargala argate,

3 akamiini dandeenne baana, yo nu baafama akana kana injabeesine? Aabbooni baafama kana qara yayu hime, worri isa d'agaye, aka isiini d'uga aka dansa nu beesise.

4 Waaqileeni d'uga ufi ta worrati dare, akheekhafi waan mamatiifi waan jabdu heddu tolche. Ammalle Lubbu Qulqullo fed'i ufi gula namaa qoode.


Abba baafama suni

5 Waaqi lafa d'uftu ta sila uumu malaika iti guddo intolchine — lafa nu teenne waan isi dubbannu.

6 Ammo akuma t'aafi keesati fulla d'ibi t'aafani, Nami maani, Ee Waaqa, ka atini waan isaa hereddu? Yokhaani nami maani, Ee Waaqa ka atini teete waan isaa qulqultu?

7 Atini haga diqa toko malaika ira isa diqeesite, atini boku guddinna ka hayyuma isaa kennite,

8 aka inni waan ch'ufa mohatu tolchite. Waan jed'ani, Waaqi nama aka inni waan ch'ufa mohatu tolche; waan ch'ufa jechaani waan tokole iraa inhambimne jecha. Ammo nu ammatana nama waan ch'ufa fidu inarginu.

9 Ammo Yeso ingarra! Haga diqa toko malaika ira diqeesani, aka inni eeba Waaqa gula maro nama ch'ufatiifi duu. Maro duisa inni due suniifi, ammatana boku guddinna ka hayyuma isaa kennani.

10 Aki Waaqi, ka waan ch'ufa uume qorqoratu, gaargala Yesoni argateeni isa qit'oomsu fullaa, aka ilmaani heddu guddinna isaa qoodachiisu. Wonti akanatiifi nami worra dura deeme baafama worraa kennu Yeso.

11 Yesoni nama ch'ufa daba iraa qulqulleese, isaafi worri qulqulleesanileeni ka Abba taka tahani. Maro waan kanatifi Yesoni, Oboleyaani worraani jechu inch'eere.

12 Inni waan jed'u, Ee Waaqa, anini waan kanke oboleyaani tiyyati dubbad'e, gumi isaani ch'ufa durati maqa kanke faarsa.

13 Inni ammalle waan jed'u, Anini abdi tiyya Waaqa ira keyad'a. Ammalle inni waan jed'u, Anini ijoolle Waaqi naa kenne woliini jira.

14 Waan ijoolleeni suni nama nafafi d'iiga qabu taateefi, Yesoleeni aka worraa tahe nafa argate. Wonti inni akasi tolcheefi, aka duisa isatiini Sheet'ana, ka duisa ira jabeenna qabu dabsatu.

15 Akanaani worra haguma jiru tissele duisa tahe duisa sodaate, tissooma suni keesaa baasu.

16 Aki inni malaika inqarqaarre mirkana, ammo akuma t'aafiini jettu, Inni d'aloota Abrahamu qarqaara.

17 Tanaafi inni kara ch'ufaani, akuma oboleyaani isaa tahu male, aka qaallu gudda ka d'ugatiifi ka naasu, huji Waaqa keesati tahe daba namaa araaramu.

18 Duuba waan isale duri ilaalatani garagalchaniifi, inni dandae worra ilaalatani inqarqaara.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan