Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ebrania 13 - KITAABA WAAQA

1 Aka oboleyaani Kristo keesa woljaalacha illakisina.

2 Keessuma bulcha. Nami gari akasi tolchinaani, ato imbeekhiini, malaika bulche.

3 Worra hid'aansa keesa jiru qaabad'a, aka waan hid'aansa keesa woliini jirtanu. Worra gaargala keesa jirule qaabad'a, aka waan ufile gaargalu jirtanu.


Aka Waaqa gammachiisani

4 Nami ch'ufti fuud'a ulfeesu male, d'iirsafi niitiini wollakisani gara d'ibi yau himmalle. Waaqi worra waan hamtu tolchuufi algala wollaala iti mura.

5 D'araa hori gula imbadiina; waan qabdani sifefad'a. Wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Anini haga jiru isani illakisu; haga jiru isani biraa indeemu.

6 Tanaafi garaa jabaanne, Aabbooni qarqaarsa kiyya, anini woma insodaad'u! Nami maani na tolchu dandaa? jenna.

7 Worra duri isani dura yau qaabad'a, ka dubbi Waaqa isaniti hasae. Aka worri duri tahe due herega, d'ugefacha worra gula yaa.

8 Yeso Kristoni sunuma, ka kale, ka arra, ka haga jiru jireenna.

9 Barsiisaani d'ibiini ta qajeeltu intahiini, d'uga ira isani ingorsiini. Guddo dansa yo eebiti Waaqa garaa nu jabeesite, fulla seera sagale gula yaani ira; wonti akanatiifi worri seera kana gula yau qarqaarsa tokole ira inarganne.

10 Qaaloleeni waaro Yahudi keesa hojattu hojja sorio teenna qalani d'uga d'ufte nyaattuni inqabdu.

11 Qaallichi Guddaani Yahudi d'iiga hori Fulla Fulla Ch'ufa Ira Qulqullotiini d'ufa, aka maro dabaatiifi sorio baasu; ammo nafa hori suni alati gubani.

12 Maro waan kanatifi Yesoleeni balbala dira alati due, aka d'iiga ufitiini daba nama iraa qulqulleesu.

13 Tanaafi koota, gara isaa alati yaane, ch'eera isaa fud'anna.

14 Wonti akanatiifi nu dira haga hegeri tau lafa tana keesa inqamnu; nu dira hegeri d'ufu eeganna.

15 Waan kanaafi nu hojja ch'ufa faaru teenna aka sorio Waaqaa baasu malle, maqa Yesotiini; akasi jechaani hojja ch'ufa qonqo teennaani maqa isaa faarsina.

16 Waan dansa tolchaafi woli qarqaarsa inded'ina. Sorioni akana tunini Waaqa gammachiifti.

17 Nama isani dura yau saalfad'a, dubbi worraa ch'aqasa. Worri hojja ch'ufa lubbu teesani qorqorata, maro Waaqi waan worri tolchu worra gaafatuufi. Yo isani worraa saalfattani, worri gammadaani huji ufi hojata; yokhaani lalefachaani hojata, lalefachaani sunini woma isani imbaatu.

18 Hojja ch'ufa Waaqa nuu kad'ad'a. Nu imbeenna aka herega dansa qamnu, nu hojja ch'ufa waan dansa tolchu feena.

19 Waan ch'ufa ira, anini isani kad'ad'a, aka Waaqi hurrise gara keesani na deebisu naa kad'ad'a.


Kad'acha

20 Waaqi la Aabbo keenna Yeso duisa keesaa Kaase. Inni d'iiga ufitiini Tissitu Guddo hooliye tissu tahe, ka wold'aqisa hegeri beesisaniini.

21 Waaqi nagayaa waan dansa ka isani feetani ch'ufa isanii kenniina, aka fed'i isaa tolchitani; ammalle inni Yeso Kristo keesa waan isaa gammachiisa nu tolchisiisiina. Guddinni haga hegeri gara Kristo ha tahu! Amini.


D'aamsa eege

22 Anini isani kad'ad'a, oboleyaani tiyya, aka isani dubbi gorsa tana aka dansa ch'aqaftani; tatabeeni anini isanii t'aafe tunini guddo d'eertuniti.

23 Anini aka oboleesi keenna Timotheoni hid'aansa keesaa bahe isani beesisu fed'a. Yo inni hurrise d'ufe, hojja gara keesani d'ufu wolumaani d'umna, aka wolgarru.

24 Nama isani dura deemuufi gumi Waaqa ch'ufa nagaya nuu fuud'a. Oboleyaani lafa Taliana nagaya isani d'aamti.

25 Eebiti Waaqa isani ch'ufa woliini ha jiraattu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan