Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ebrania 12 - KITAABA WAAQA

1 Maro nami hedduuni aka dumansa nu marse nu laalufi, nu ulfinnafi daba jabeese nu qabu ufiraa baamne, d'ogoomsu nu dura tana aka d'iira oriu malle.

2 Yeso ufi durati laalla, waan d'ugefachaani teenna haga qaratiifi haga muummele isa keesa jirtuufi. Inni duisa maskali obse, maro gammada isa eegatuufi maskali gubbati duu inch'eerfanne, amma barch'uma Waaqa mirgaani taa.


Waaqi Abba keenna ka gubba

3 Me, aka inni gaargale, jibba nami daba isa jibbe ch'ufa obse herega! Tanaafi illaafiina, indad'abiina!

4 Wonti akanatiifi gaargala keesani ka daba keesati, d'iigi keesani injinne,

5 Dubbi dansa ta Waaqi aka ilmaani isaa isaniti dubbatu la deettani? Ilma kiyya, yo Aabbooni si qajeelche taba insehiini, yo inni si gorse garaa illaafiini

6 wonti akanatiifi Aabbooni nama jaalatu ch'ufa inqajeelcha, nama ilma tolfatu ch'ufa ind'aana.

7 Waan isaniini qajeelchani ch'ufa fud'ad'a. Waaqi aka ilmaani ufi isani tolchu jira. Ilmi taka abbaani inqajeelchiini injira?

8 Yo aka ilmaani ch'ufa qajeelchani isani inqajeelchiini isani ilmaani d'ugaatiniti, ammo ilmaani ch'abanaati.

9 Abbootiini teenna ta lafa nu qajeelchiti, duuba worraa saalfanna. Abba keenna ka lubbu hagasi ira saalfanneefi jireenna argachu himmalle?

10 Abbootiini teenna ta lafa haga diqa toko, fed'i worra gula, nu qajeelchite, Ammo Waaqi maro wonti kuni ira nu jirtuufi tolcha, aka nu qulqullooma isaa qoodannu.

11 Hojja nu qajeelchani waan nu lalefachiiftu fakaatti, nu ingammachiiftu. Ammo eegi suni, worri akana qajeelchani mid'aani nagaya ka jireenna d'uga argata.


Eeba Waaqa ind'abiina

12 Tanaafi harka keesani ka aare isani iraa bue olfud'ad'a! Jilba keesani ka lalaafe qajeelfad'a!

13 Kara qajeela gula deema, aka miili buqae innaafanne ammo fayyu.

14 Jabaad'a, aka nama ch'ufa nagayaani woliini teetani, jireenna qulqullo barbaaddani; wonti akanatiifi nami tokoleeni, qulqullooma male, Aabbo inargu.

15 Eegad'a, aka nami tokoleeni eeba Waaqa ind'amne. Eegad'a, aka nami tokoleeni mid'aani had'aa qabu tahe, nama heddu had'aa isatiini ingaargalchine.

16 Eegad'a aka nami tokoleeni sharmut'a tahe, yokhaani aka Esau inhamaanne, ka sagale guyya tokotiifi d'aala ufi ta angafooma gurgurate.

17 Eegi suni aka isani beetani Esauni eeba Abba ufi d'aalu fed'e, ammo isa didani. Wonti akanatiifi inni ato imimaaniini barbaadele, aka waan duri tolche garagalchu kara iti d'abe.


Qonqo Waaqa ch'aqasa

18 Isani gaara nami harkaani tuqu dandau, ka aka ibida balalie bobau, dukana sipefi bubbe guddofi

19 iyani magalatatifi qonqo Waaqa iti ind'umne. Gumiini qonqo d'ageennaani aka deebiani qonqo akasi ind'ageenne kad'atte.

20 Wonti akanatiifi seera ka, Yo bineensileeni gaarati d'iaate d'akhaani d'aanani ijeesu malani jed'u, guutu dad'abani.

21 Wonti Musani arge guddo isa sodaachiifte, tanaafi inni waan jed'e, Anini sodaad'e holad'a.

22 Ammo isani gaara Sinaiti d'uftani, gara dira Waaqa jiru, Yerusalemu ta gubba jirtu, ta malaika kunki heddu qabdu.

23 Isani la jila ilmaani angafa ta Waaqati d'uftani, ta maqa isaani gara Waaqa gubbati t'aafani. Isani la Waaqati d'uftani, ka dubbi nama ch'ufa qoru, lubbu worra d'uga ka qit'eele.

24 Isani la Yesoti d'uftani, ka wold'aqisa haraa tolche, ammalle la d'iiga fifit'ani, ka d'iiga Habili ira waan dansa himuti d'uftani.

25 Eegad'a duuba, nama dubbatu ch'aqasu indidiina. Yo worri gaafa inni lafa keesati dubbate ch'aqasu dide imbaafamini, nuleeni dandeenne imbaafamnu, yo ka gubba nuti dubbatu ch'aqasu dinne.

26 Qonqooni isaa gaafasi lafa chochoofte, ammo inni amma la kakhate, Anini ammalle lafa ch'alla inchochoosu, ammo gubbale inchochoosa jed'e.

27 Dubbini, ammalle jettu suni aka waan lafa keesati uumani ch'ufa chochoosani buqisani agarsiifti, aka wonti inchochoone haftu.

28 Tanaafi galata deebisu malle, waan nu finna inchochoone argannuufi. Galata deebimne, kara inni fed'uuni Waaqa kad'achu malle, saalafi soda keesa;

29 wonti akanatiifi Waaqi keenna ibida wo balleesu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan