Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Ebrania 11 - KITAABA WAAQA

1 D'ugefacha jechaani aka waan heregataniifi waan ilaani ingarre d'uga iti qabaatani.

2 D'ugefacha akana tanaani jaaroleeni duri gurra baafate.

3 D'ugefachaani, aka lafti dubbi Waaqatiini uumamte beenna, aka wonti nami ilaani argu waan nami ilaani ingarre keesaa baate.

4 D'ugefachati Habili sorio ta Kaini ira dansa baasise. Maro d'ugefacha isatiifi Waaqi, Nama d'uga isaani jed'e, waan Waaqi sorio isaa fud'ateefi. Maro d'ugefacha isatiifi Habilini arrale dubbata, ato duele.

5 D'ugefachati Henoko duu d'owe. Fulla Waaqa isa geesani nami isa argu dad'abe, waan Waaqi isa gubbati olgeeseefi. T'aafiini, ato isa gubbati olingeesiini, inni Waaqa gammachiise jetti.

6 Nami tokoleeni, d'ugefacha male, dandae Waaqa ingammachiisu. Nami Waaqati d'ufu, aka Waaqi jiruufi aka Waaqi worra isa barbaadu eebisu d'ugefachu male.

7 D'ugefachati Nuhu gorsa Waaqa ka ilaani ingarre, ka hegeri taha, d'ugefachiise. inni dubbi Waaqa ch'aqase, hobolo ta keesati isaafi worri isaa bahe ijaare. Kara kanaani inni wollaala lafati mure, d'uga d'ugefachaani d'uftu argate.

8 D'ugefachaani Abrahamuuni, gaafa Waaqi isa yaame ch'aqase, lafa Waaqi isaa kakhate d'aqe. Inni kae lafa ufi keesaa deeme, ka gara deemu imbeenne.

9 D'ugefachaani inni lafa Waaqi isaa kakhate keesa tae, aka keessuma. Waaro keesa, akuma Isaaqofi Yakobo tae, ka kakhu suni Waaqa iraa argate.

10 Wonti akanatiifi inni dira yayaba jaba qabu, ka Waaqi herege ijaare, eegachu jira.

11 D'ugefachati Abrahamu ijoolle kenne, ato inni guddo jaare, niitiini isaa maseena taatele. Inni aka Waaqi kakhu ufi inch'absine ind'ugefate.

12 Ato namichi kunini jaare rerepele, ijoolle aka urji jirtuufi ta aka maansa afaani galaana d'ale.

13 Worri kunini ch'ufti d'ugefacha keesa due. Waan Waaqi lafa keesa worraa kakhate inarganne, ammo fagoti argani heregatani, ammalle, Nu keessuma baqa yaatu jed'ani diideesani himani.

14 Nami waan akana kana jed'u aka lafa ufi barbaadu jiru; diideese agarsiisa.

15 Waan lafa ta keesaa yaani inherenne, ammo yo sila fed'ani dandaani iti dachaani.

16 Taatule lafa ira dansa barbaadani, lafa gubbaa jirtu. Maro waan kanatifi yo worri Waaqaani, Waaqa keenna jed'u, inni inch'eerfatu, waan inni dira worra mid'aaseefi.

17 D'ugefachaani Abrahamuuni ilma ufi Isaaqo aka sorio qallu fed'e, gaafa Waaqi Abrahamu ilaalate. Waaqi Abrahamuti kakhate, ammo inni kurfo jira aka ilma ufi tokocha aka sorio qallu.

18 Waaqi qara waan isaani jed'e, Isaaqo gula d'alooti kanke maqa argata.

19 Abrahamuuni waan Waaqi Isaaqo duisa keesaa kaasu dandau herege; tanaafi, fakeenna gula, Abrahamuuni Isaaqo duisa keesa argate.

20 D'ugefachaani Isaaqoni Esaufi Yakobo eeba hegeri kakhateefi.

21 D'ugefachaani Yakoboni, ato induiini, ilmaani Yusufu ch'ufa eebise. Inni ule ufiti hirkate Waaqa kad'ate.

22 Yusufuni, ato diquma induiini, d'ugefachaani waan godaanna gosa Israeli lafa Misiri keesaa dubbate, waan reefa isaa tolchanile hime.

23 D'ugefachaani abbaafi haati Musa jia sadi isa d'ossite, eegi inni d'alate. Aka inni mid'aaga arginaani soda male seera hayyu ch'absani.

24 Musani d'ugefachaani, gaafa inni guddate, ilma intala Farao ufiini jechu dide.

25 Inni worra Waaqaa woliini gaargalu fed'e, fulla haga diqa toko dabaani gammadu ira.

26 Inni hori lafa Misiri ira, araba maro Kristotiifi isa arabsani dansa heregate, waan inni galata eegi tana heregeefi.

27 D'ugefachaani Musani kae, lafa Misiri keesaa deeme, dalansu hayyu sodaachu dide. Inni iti deebiu dide, aka waan Waaqa ka imullanne argu.

28 D'ugefachaani inni jila Pasaka tolche, d'iiga balbalati fifit'e, aka malaikaani nama hobaaftu angafa d'iira ka gosa Israeli intund'e.

29 D'ugefachaani gochiti Israeli galaana Shamu, aka lafa goddu, taakite; ammo gochiti Misiri taaku feenaani bisaani liqimsani hobaasani.

30 D'ugefachati naabo Yeriko ch'abse jisse, eegi gochiti Israeli guyya torba ira marte.

31 D'ugefachati niiti sharmut'a, ta Rahabu jed'ani, worra Waaqa d'agayu dide woliini, duu d'owe, waan isiini jara dooya yau bulchiteefi.

32 Dura deeme, nama d'ibile hima re? Waan Gideonitifi Barakafi Samsonifi Yefthafi Daudifi Samuelifi raagoota ch'ufa amma himu indandau.

33 Worri d'ugefachaani lafa heddu had'e dabsate. Waan qajeela tolchani, waan kakhataniifi argatani. Afaani nyeench'a ch'uqaalani,

34 ibida goola d'aamfani, sheefti duraa bahani. Worri qara lalaafa, ammo eege jabaate. Lola keesati guddo jajabo, duula nyaapa dabsatani.

35 Nad'eeni d'ugefachaani nama iraa due, ka duisa keesaa kaasani, argatte. Nami gari, Nu galakisa jechu dide, duuba gaargalchani ijeesani, aka jireenna ira dansati kaasani.

36 Nama gari goyeesani lichooni d'aanani, ka gari haada sibiilatiini hid'ani mana hid'aansati geesani.

37 D'akhaani d'aanani gargari ch'irani, sheeftiini fit'ani. Goga hooliyetiifi ka laleesa hid'atani, hiyyoomatani, d'ipatani gaargalchani.

38 Lafti worrati had'oofti! Aka nama baqatu lafa gamoojitiifi gaareeni gubba yayaani, godafi boola keesa bulani.

39 Worri kunini maro d'ugefacha ufitiifi maqa dansa argate! Ammo waan Waaqi kakhateefi inarganne,

40 waan Waaqi waan hagasi ira dansa nuu heregeefi. Heregi isaa kana, nu male worri inqit'au.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan