Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Boha 3 - KITAABA WAAQA

1 Anuma ch'allati d'aanicha ule Waaqa beekha.

2 Inni na fuud'e dukana sipe keesa na buuse.

3 Maro heddu naasu male na d'aane na ijeese.

4 Inni fooni diimo diidati na baase lafe na ch'ach'abse.

5 Inni na qabe gaargalafi d'ipu hamtu keesa na buuse.

6 Ammalle irrumani dukana sipe dua keesa na teesise.

7 Inni sansalatani na hid'e aka nama qabani ka abdi baqatuni inqamne na tolche.

8 Yo anini qarqaarsa kad'ad'a lalabe iti bohule, Waaqi na ch'aqasu dide.

9 Ato anini daaqa deemu, naaboni d'akhaani jaarani na marsite deemu na d'owarte.

10 Aka gorjama na gaade aka nyeench'a nati kurupate,

11 kara iraa na gorse gargari na ch'ire lafa na buuse.

12 Guube ufi ta t'iya fud'ate t'iya ufitini na had'e.

13 Inni t'iya ufitini na woraane na fufulaanse.

14 Halkani guyya na koblani sirba keesati na goyeesani.

15 Bisaani had'ao laagati na naqe sagale had'ooftu irreeni nati guure.

16 Fuula lafati na rige ilkani ch'irachaani na ch'ach'abse.

17 Anini waan fayyaafi nagayafi gammadi qabu ya wollaale.

18 Tanaafi anini waan jed'e, Guyyaani kiyya ya hobae, gara Waaqale d'aabu inqabu.

19 Qaabachani d'ukubsacha tiyyaatiifi ka worra kiyya ka anini d'abe, yayu had'a nati taate.

20 Anini hojja ch'ufa waan suni qabad'e garaani kiyya iraa hamaate.

21 Ammo hojja waan kana qaabad'e waan heregad'u qaba:

22 Jaalalaafi naasuuni AABBO Waaqa, ta ind'umne guyya ch'ufa inuma jirti.

23 Jaalalaafi naasuuni sunini diirama ch'ufa hareeti, ammalle guyya ch'ufa injirti aka bari diirama.

24 AABBO Waaqa male woma inqabu, tanaafi isa heregad'a.

25 AABBO Waaqi nama isa d'ugeefate ch'ufati dansa,

26 tanaafi yo obsani baafama isaa eegatani ira namaa jirti.

27 Ammalle obsa kana yo ijoollumani barattani guddo dansa.

28 Yo gaargali namati d'ufe, ch'allisani obsani koba ufira tau malani.

29 Waaqa durati ufi diqeesu malani, d'aabuuni inuma jirtifa.

30 Ato d'aanani arabsanile nami waan kana ch'ufa ee jed'e fud'achu male.

31 AABBO Waaqi naaso, haga jiru jireenna nama indidu.

32 Inni dandae laalala namatiini d'ufa, ammo jaalalti isaa ta inni nu jaalatu jaalala d'ugaati, ammalle jabdu.

33 Inni laalefachafi d'ukubsacha namatiini d'ufu iraa ingammadu.

34 Hojja hid'ansa keesati nama ch'ach'arasani AABBO Waaqi imbeekha.

35 Hojja d'uga inni nu kenne nu d'owani, inni imbeekha.

36 Hojja gaadisati nu dabsani, inni imbeekha.

37 Fed'i AABBO Waaqa ch'allati guyya ch'ufa guutama.

38 Wonti dansaafi hamtuleeni jechuma isaa gula taati.

39 Nu maanifi gungumna, yo wollaala keenna jed'ani nu d'aanani?

40 Koota me, aka dansa ufi qorre AABBO Waaqati deebina.

41 Nu garaa keenna banne Waaqa keenna ka gubba jiru kad'anne waan jennu,

42 Nu yayu ch'ubbamne si dinne AABBO Waaqa, atileeni nu inaraamne.

43 Atini nu reebde nu fit'e, dallansuni tanteleeni naasu tante nuraa d'ossite;

44 dallansuni tante suni ta aka dumansa siti gollite, kad'a teenna siti dabru d'owarte.

45 Atini yayu huura wolti harani ka lafa ch'ufa nu tolchite.

46 Nyaapi keenna ch'ufti yayu nu arabse nu miid'e.

47 Gaargala hamafi badileeni nu qabate. Arrale soda lubbuti imbulu.

48 Imimaani aka galaana ila keesaa na yaani waan gosa tiyya balleesanifi.

49 Imimaani kiyya akuma laga yau yaani.

50 Haga AABBO Waaqi nu ilaale nu arguti.

51 Hojja anini waan nad'eeni dira kana tolchani argu, garaani kiyya guddo laalefata.

52 Nyaapi kiyya ka womafu na injibbine akuma simpire t'ururaani qabani na qabe.

53 Ato anini jiru boola keesa na buuse d'akhaani nati timfe.

54 Bisaaleeni na liqimsani, ufi sodaad'e waan lubbuuni na keesaa baatu ufi sehe.

55 Ka hunda boola suni jiru, ee AABBO Waaqa, anini siti bohe si kad'ad'e.

56 Na d'agayi siini jed'e jennaani na d'ageete,

57 na jalaa owaate, insodatini nani jette.

58 Ee AABBO Waaqa, atini na qarqaaru d'ufte lubbu na baafte.

59 Daba nati hojattani imbeeta, d'uga naa laali.

60 Atini haalo nyaapi kiyya naa qabuufi aka worri nati malatu imbeeta.

61 Atini aka worri na arabse nati malate imbeeta, ee AABBO Waaqa.

62 Guyya gudda kana ch'ufa worri waan kiyya dubbate mala nati d'aata.

63 D'ia bari ch'ufa na goyeesani.

64 Ee AABBO Waaqa kiyya, akuma worri kunini na tolche kana worrale tolchi.

65 Worra abaari ufi jibbisisi!

66 Fulla ch'ufa barbaadi lafa ira hat'ai!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan