Bahisa 35 - KITAABA WAAQA1 Musani gumi worra Israeli ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Wonti AABBO Waaqi tolcha isaniini jed'e tana. 2 Isani guyya jaa huji teesani hojad'a, ammo guyyaani torbeeso guyya Sabato qulqullo AABBO Waaqa keesaniti; guyya suni oola, nama guyya suni hojate ha ijeesani. 3 Guyya Sabato suni ibida ibidale mana keesa keesati imbobeesiina. Waan Waaro Woyyumati baasani ( Bahisa 25.1-9 ) 4 Duuba Musani dubbi ch'ufa gumi Israeliti hime waan jed'eeni, Dubbi tana ch'ufa AABBO Waaqati, tolcha jed'e: 5 wo AABBO Waaqaa baasa. Nami ch'ufti ka AABBO Waaqa jaalalaani wo baasu fed'u ha waan kanaani d'ufu: worqi, qarsi, sibiila diima; 6 woya boofta bulefi bule diimtufi dabassa diimtu; woya rifeensa reetini mid'aasani, 7 goga ree ka halluu dibani, goga d'iisisani; mukha d'adacha; 8 d'ad'a ifsetiifi fit'o d'ad'ati naqanifi ammalle hit'aana urgaa; 9 d'akha ch'ululuqafi d'akhaye ch'uch'ulut'u d'ibi ta woya Qaallichi guddaani keeyatufi ukha isaa ka qomati hod'ani. Miha Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqaa ( Bahisa 39.32-43 ) 10 Nami harki wo tolchu beekhu, ka isani keesa jiru ch'ufti, koota waan AABBO Waaqi jed'e kana tolcha mid'aasa: 11 Waaro Woyyuma, golla isii ka keesatifi ka alaatifi hookofi utuba isiitiifi dareerafi dongora isiitiifi hunda isiile mid'aasa; 12 ammalle Sanduqa Wold'aqisa, kalcho isaati, qadaada isaati, golla isa durati hid'anile mid'aasa; 13 ammalle mesa, kalcho isaani baatanifi miha isaa ch'ufafi qit'a Waaqaa baasani mid'aasa; 14 waan ifseeni ira ejitufi miha ifsele; ifseefi d'ad'a isiile mid'aasa; 15 waan hit'aana irati aarsanifi kalcho isaa; d'ad'a muudatiifi hit'aana urgaafi golla balbala Waaro Woyyuma mid'aasa; 16 ammalle waan mesa fakaata ka sorio irati gubani, gingilcha isaa ka sibiila diimatifi kalcho isaatiifi miha isaa ch'ufa mid'aasa; qori bisaani iti d'iqatanifi waan isiini ira ejitule mid'aasa; 17 golla naabotiifi dongorafi waan inni ira ejaanju; golla fullo naabole; 18 d'iisafi haada Waarotiifi ka naabole; 19 ammalle woya dadansa qaaloleeni hojja fulla qulqullo hojattu keeyattu, woya qulqullo qaallichi Harunifi ilmaani isaa keeyattu. Aka biyyiti waan Waaqaa baasanini d'uftu 20 Worri Israeli ch'ufti yae, 21 nami ch'ufti fed'i ufi gula miha Waaro Woyyumatiini jaarani AABBO Waaqaa d'ufeeni. Worri miha eebaatiifi waan woya qaaloleetiini mid'aasanini d'ufe. 22 Nami ch'ufti fed'i ufii gula d'iirafi nad'eeni taanaani, biinki barreesanifi qube gurratiifi qube qubatiifi faaya mormatiifi ammalle faaya worqile ch'ufa AABBO Waaqaa d'ufeeni. 23 Nami ch'ufti ka woya boofta qabu, bule taanaani, bule diimtu taanaani, yokhaani dabassa diimtu taanaani, woya rifeensa ree iraa mid'aasani taanaani, ammalle goga hoola ka hallani taanaani, yokhaani ka d'iisisani taanaani d'ufeeni. 24 Nami ch'ufti ka qarsifi sibiila diima qabu AABBO Waaqaa d'ufeeni, ammalle nami ka mukha d'adacha ka huji sunii male qabu d'ufeeni. 25 Nad'eeni ogeeyileeni ch'ufti liilana boofta buletiifi bule diimtutiifi liilana dabassicha diima ka isiini qara mid'aasite d'ufteeni. 26 Nad'eeni suni ammalle liilana rifeensa ree iraa mid'aasite. 27 Jaaroleleeni d'akha ch'ululuqa diimafi d'akhaye ch'ululut'u d'ibi ta woya qaaloleeni naqatufi ukha qomati hod'anifi 28 waan aka qumbifa, d'ad'a ifsetiifi d'ad'a muudatiifi ka hit'aana d'ufteeni. 29 Nami Israeli ch'ufti, d'iirafi nad'eenileeni, dubbi AABBO Waaqi Musani jed'e gula fed'i ufitiini huji AABBO Waaqa suni wo baase. Ogeeyi Waaro Woyyuma ta AABBO Waaqaa ( Bahisa 31.1-11 ) 30 Jennaani Musani waan worra Israelitini jed'e, AABBO Waaqi yayu Bezaleli, ilma Uri, ka ilma Huri, ka gosa Yuda, fohate 31 lubbu Waaqatini guute, beekhaafi qaroomale kenneefi ogeesa tolche, 32 aka inni waan worqitiifi qarsitiifi sibiila diima ch'ululuqa barreese mid'aasu; 33 ammalle aka inni d'akhaye ch'ululut'u boch'e mid'aase, mukhale boch'e waan harkaani tolchani ch'ufa tolchu. 34 AABBO Waaqi yayu isaafi Oholiabu, ilma Ahisamaki, ka gosa Dani, qalbi biyya d'ibiini waan oguma suni barsiisani kenneefi. 35 Ammalle inni yayu worra qalbi waan ch'ufa ta woini tolchanifi waan boch'anifi waan barreesanifi waan woya boofta, bule taanaani, bule diimtu taanaani, yokhaani dabassa diimtule taanaani kenneefi. Worri waan gosa ch'ufa ka harkaani tolchani oguma tolchuni qaba. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya