Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 30 - KITAABA WAAQA

1 Waan mesa fakaata ka hit'aana irati aarsani mukha d'adachatiini mid'aasi.

2 Gami lachu ha haga takaa tahuti. D'eerinni isaa d'und'uma toko, ballinnileeni d'und'uma toko; ammo old'eerinni d'und'uma lama. Isaafi gaafi isaa afraani ha waan taka iraa mid'aasani.

3 Gubbaa, moga isaa afraanifi gaafa isaa afraanu worqiini duuchi, qota isaale ch'ufa worqiini marsi.

4 Qube worqi lama ta baataniini mid'aasi, gama lachutu qota jalati mat'ansi, aka kalcho baataniini keesa kayani.

5 Kalcho mukha d'adacha ta mesaani baatani nafa isii ch'ufa worqiini duuchi.

6 Waan mesa fakaata kana golla Sanduqa Wold'aqisa durati hid'ani dura d'aabi. Sunini fulla anini iti d'ufe si argu.

7 Diirama ch'ufa yo Harunini ifse mid'aasu d'ufu, ha hit'aana urgaa aarsuti.

8 Akuma kana galgala hojja ifse bobeesule ha tolchuti. Hit'aana kana ha haga jiru jireennale AABBO Waaqa durati aarsaniiti.

9 Waan tokole ka imfakaanne, ka aka hit'aana yokhaani sorio gubani baasani, yokhaani mid'aani baasani imbaasini, ammalle daad'i irati ind'iibafatiini.

10 Guyya toko ganna keesa Harunini ha waan mesa fakaata kaani gaafa isaa afraanu d'iiga sorio dabaani ufi iraa baasani ibse, akasiini aada mesa suni guutu. Aada tana ha ganna ch'ufa haga jiru jireenna guutani. Mesaani kunini gara AABBO Waaqa waan guddo qulqullo.


Damoosa Waaro Woyyumati baasani

11 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

12 Hojja atini worra Israeli heddu, nami ch'ufti ha maro lubbu ufiitiifi wo AABBO Waaqaa baasuti, aka henna suni keesati d'ukubi isaaniti bue isaani imballeesine.

13 Nami henna suni keesa jiru ch'ufti ha waan iti murani baasuti, aka murani gula. Nami ch'ufti waan kana ha AABBO Waaqaa baasuti.

14 Nami ch'ufti ka henna keesa jiru, ka ganni isaa diddama oli, ha qooda kana AABBO Waaqaa baasuti.

15 Dureesileeni hagasi ira imbaasini yokhaani hiyyeesileeni hagasi ira inhanqisiini, yo nami maro lubbu ufiitiifi qooda Waaqaa baasu.

16 Beese tana worra Israeli iraa guuri, duuba Waaro Woyyuma tanaani jabeesi, huji isiitiini tolchi. Damoosi kunini ka lubbu ufiiti jed'ani baasani, anileeni aka worra qorqorad'u inqaabad'a.


Qori sibiila diima

17 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

18 Qori guddo bisaani iti d'iqatanifi waan isiini ira ejitule sibiila diimani mid'aasi. Jiddu Waaro Woyyumatiifi mesa hit'aani irati aarsani kaani d'aabi, bisaani iti naqi.

19 Harunifi ilmaani isaa bisaani kanaani harkaafi miila ha d'iqataniti,

20 ato Waaro Woyyuma inseeniini yokhaani mesa sorio ka sagale irati baasani kaaniti ind'iaatiini, aka idoone.

21 Worri harkaafi miila d'iqachu male aka idoone. Tunini aada ta worraafi d'alooti worraleeni haga jiru jireenna gula yau male.


D'ad'a muudaa

22 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

23 Qayya qayya ch'ufa ira urgau, qumbi kilo jaatiifi qunch'e birreesa ta kilo sadi, ammalle kilo sadi ta qund'i,

24 ammalle waan urgooftu d'ibile ka kilo jaa (ta ch'ufa aka qaalluuni mure gula baasani) fuud'i. Dulo afuri ta d'ad'a iti dari,

25 duuba waan kana ch'ufa d'ad'a qulqullo muudaa, ka aka qayya wolti makhani, mid'aasi.

26 D'ad'a suni fuud'i, Waaro Woyyumatiifi Sanduqa Wold'aqisatiifi

27 mesafi miha isaa ch'ufafi waan ifseeni ira ejitufi miha isiitiifi waan mesa fakaata ka hit'aana irati aarsanifi

28 waan mesa fakaata ka sorio irati gubanifi miha isaa ch'ufa woliini, ammalle qori guddo bisaani iti d'iqatanifi waan isiini ira ejitule ch'ufaani muudi.

29 Akanaani waan kana ch'ufa eebisi qulqulleesi, aka isiini qulqullooftu; ammalle aka wonti waan suni tuqa ch'ufti qulqullo taatu.

30 Duuba Harunifi ilmaani isaa muudi eebisi, aka worri qaalole tahe naa hojatu.

31 Ammalle waan atini worra Israelitini jettu, D'ad'a muuda qulqullo kana huji tiyyaani hojad'a, d'aloota keesani ch'ufa keesa.

32 Qaallu male nama d'ibiini imuudiina, ammalle kara d'ad'a kanaani mattani deebitani d'ad'a d'ibi imakhiina. Wonti akanatiifi inni qulqullo, tanaafi isanileeni aka waan qulqullo heregu maltani.

33 Nami d'ad'a akana kana mid'aase yokhaani nama qaallu intahiini muude ha gosa keesaa baasani.


Hit'aana

34 Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Qayya urgaa kana — haanch'a dakaratiifi waan aka urgo urgooftufi qumbifi hit'aana dansa ch'ufa, ka haga taka, fuud'i.

35 Waan kana ch'ufa fuud'i, waan urgooftu aka qayya makhani mid'aasi. Sooda iti dari, ka qulqulleese qulqullo tolchu.

36 Riiqi bulleesi, Waaro Woyyumati geesi, Sanduqa Wold'aqisa durati firfirsi, waan urgaa kana aka isiini guddo qulqullo heregi.

37 Kara kanaani waan urgooftu d'ibi, ka kana fakaata, imid'aafatiini. Ammalle waan kana ch'ufa aka waan qulqullo AABBO Waaqaa baasaniti heregi.

38 Yo nami tokoleeni waan akana kana qayya mid'aafate ha gosa isa keesaa kutani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan