Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 24 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Sifi Haruni, Nadabu, Abihu ammalle jaarole Israeli nama torbatama woliini gaara gubbati nati koota; ammalle ato nara diqo fago jirtanu, gajed'a kad'ad'a.

2 Si male nami tokoleeni nati gadi ind'iaatiini, biyyitileeni gaara olinkoriini.

3 Musani deebie seerafi gorsa AABBO Waaqi jed'eeni ch'ufa worrati hime. Nami ch'ufti qonqo takaani jalaa qabe waan jed'e, Waan ch'ufa ka Waaqi jed'e intolchina.

4 Musani dubbi AABBO Waaqi jed'eeni ch'ufa t'aafe. Boriyya diirame lafaa kae gaara jalati fulla sorio Waaqa iti qalani jaare, d'akha kud'ani lama aka gosa kud'ani lama ta Israeli gula old'ad'aabe.

5 Jennaani inni nama kaima ka gosa Israeli erge, duuba worri sorio gubani baase ammalle looni qale sorio wold'ageeti AABBO Waaqaa baase.

6 Musani d'iiga hori suni ka gari fuud'e qoriti naqe, ammalle ka hafe kaani fuud'e fulla Waaqa sorio iti qalaniti nanaqe.

7 Jennaani inni kitaaba wold'aqisaa ka aada AABBO Waaqaa keesati t'aafani fuud'e qonqo olfud'ate biyyaa soome. Worri waan jed'e, Nu waan AABBO Waaqi jed'e guunne tolchina.

8 Jennaani Musani d'iiga qori keesa jiru kaani fuud'e biyya irati fifit'e waan jed'e, Kunini d'iiga wold'aqisaa isani AABBO Waaqaani woliini tolfattani jabeesu, gaafa inni aada tana ch'ufa isanii kenne.

9 Duuba Musa, Haruni, Nadabu, Abihu ammalle jaaroleeni torbatama ta Israeli gaara olkorani,

10 artiti Waaqa Israeli argani. Miila isaa jalati waan ballo aka d'akha bule ch'uluqa jira, bule aka garaa Waaqaa, argani.

11 Ammo Waaqi worra gugurda Israeli kana woma intolchine; worri Waaqa arge woliini wo nyaatani d'ugani.


Gaafa Musani gaara Sinai gubbaa jiru

12 Duuba AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Gaara gubbati nati kooti, ammo ato atini arma jirtu, anini d'akha lama hahafalicha, ka seera anini biyyaa jed'e baase irati t'aafe siti kenna.

13 Musafi nami isa qarqaaru, ka Yoshua jed'ani, kurfefatani, duuba Musani, gaara qulqullo olkore.

14 Musani waan jaaroleeni jed'e, Isani armumati nu eega, haga nu gaddachaanuti. Harunifi Huriini isani woliini jirani; duuba nami wold'abu ch'ufti ha worrati yau.

15 Duuba Musani gaara olkore jennaani dumansi gaara suni duuche.

16-17 Ifsaani bibiliqu ka aka AABBO Waaqi achi jiru garsiisu d'ufe gaara Sinai ira tae. Worra Israeliti ifsaani sunini aka ibida fiit'e gaara gubuu jiru fakaata. Duuba dumansi gaara suni guyya jaa duuche, guyya torbeeso AABBO Waaqi Musa dumansa keesaa yaame.

18 Musani dumansa keesa gaara olkore guyya afurtamatiifi halkani afurtama achi tae.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan