Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 23 - KITAABA WAAQA

1 Waan d'ara indubbatiina, nama d'ara dubbatule d'uga intahiinaafi.

2 Gumi waan hamtu tolchitu gula indeemina, yokhaani gumi d'ara gula yaatu gula baatani d'uga ind'ossina.

3 Nama hiyyeesale fulla qorsumati d'ara ind'ugesiina.

4 Yo sanga yokhaani harre nyaapa keesani ta badi deemtu agartani deebisaafi.

5 Yo harre nyaapa keesani ta mihaani jidde agartani, olkaasu indidina, qarqaara.

6 Qorsuma dubbi keesati hiyyeesa indabsina.

7 Nama dubbi d'araatiini inimatina, ammalle nama d'ugaa qajeela inijeesiina; wonti akanatiifi anini nama waan hamtu tolche imbaasu.

8 Gumbo imfud'atiina, wonti akanatiifi gumbooni nama guddinna qabu ila duuchite nama d'ugaa qabu dubbi duraa balleesiti.

9 Keessuma indabsina; d'iba keessumaa imbeetani, wonti akanatiifi isanileeni lafa Misiriti ya keessuma taatani.


Ganna torbeesofi guyya torbeeso

10 Ganna jaa keesa lafa teesani fach'aafattani ammalle waan isiini baaftu murattani.

11 Ammo ganna torbeeso woma iti infach'aasina, ha bultuti, waan keesaa baha ch'ufa ha hiyyeesafi bineensi alaa nyaatu. Ammalle oobru zabibutiifi ta ejersa akasuma tolcha.

12 Guyya jaa huji teesani tolfad'a, ammo guyya torbeeso boqod'a, aka loonifi harreeni teesanileeni boqotte, tisse teesanifi keessumaani teesanileeni boqottu.

13 Waan ch'ufa ka anini, AABBO Waaqi, jed'e ch'aqasa, waaqoota d'ibi tokole inkad'atiina, maqa isaanile ind'aiina.


Jila sadi gugurdo
( Bahisa 34.18-26 ; Qaabacha Seera 16.1-17 )

14 Ganna keesa jila sadi naa tolcha.

15 Jia Abibu, jia isani lafa Misiri keesaa baatani, jila Qit'a bukho inqamne akuma anini qara isaniini jed'e naa tolcha. Qit'a bukho qabu guyya torba ka jila tana inyaatina. Nami tokoleeni harka duwa na dura ind'ufini.

16 Yo mid'aani qara oobrani murattani, jila tolfad'a ammalle gaafa wogaani geete, ka mid'aani tuultani galfattani jila Hoosa tolfad'a.

17 Ganna keesa maro sadi d'iirti teesani ha AABBO Waaqa dura d'uftu.

18 Yo sorio qaltani naa baaftani qit'a bukho qabu na imbaasina. D'ad'a hori jila naa qaltani lafti iti imbariini.

19 Ganna ch'ufa Mana AABBO Waaqa keesani mid'aani qara murattani kootaani. Ilmoole haad'a hootu na ind'aabiina.


Kakhufi jecha Waaqaa

20 Ilaala, anini malaika isanii erga, ta isani tissite isani geesite fulla anini isanii mid'aaseeni isani d'uftu.

21 Aka dansaa ch'aqasa, waan isiini jette ch'ufa guuta. Isi jala indidina, wonti akanatiifi anati isi erge, isiini nama isi didu tokole inaraaramtuufi.

22 Ammo hojja isani isi d'ageetani waan isiini jette ch'ufa tolchitani, anini nyaapa keesani ch'ufa isani iraa d'owa.

23 Duuba malaikaani tiyya isani dura deemte lafa Amori, ta Hiti, ta Perizi, ta Kanaani, ta Hivi ammalle ta Yebusi isani geesiti, ammo anini gosa suni ch'ufa imballeesa.

24 Waaqoota worraa durati jilbifattani inkad'atiina, ammalle aada worrale gula iyyaiina. Waaqoota worraa ka old'aabani sule ch'ach'absa balleesa.

25 Duuba hojja isani naa, AABBO Waaqa, Waaqa keesani kad'attani, anini isani eebise sagaleefi bisaani isanii kenne fayyad'aba keesanile isani fayyisa.

26 Lafa teesani keesa nad'eeni garaachi iraa bahu, ta yokhaani ijoolle ind'alle injirtu. Anini lubbu isani d'eeresa.

27 Anini nama isaniini morku ufi sodaachisa; nama isani had'ule ch'ufa wowollaalchiise nyaapa keesani ch'ufa garagalche baqachiisa.

28 Anini nyaapa keesani ch'ufa rifachiise, worra Hiviti, worra Kanaaniti, worra Hitile, ato isani d'uftanu, isani duraa baqachiisa.

29 Anini ganna toko keesati worra arti imbaasu, wonti akanatiifi lafti danqaroofte, bineensi ira dabre, hegeri isani gaargalcha.

30 Anini diquma diqumaani isani dura worra baasa, haga isani hortani lafa suni fud'attaniti.

31 Anini lafa teesani haga galaana Diima qabe galaana Efrati d'aabe ammalle haga galaana Filistiti fuud'e lafa alooti d'aaba. Duuba anini worra qara lafa suni ke jiru harka keesaniti kenne, akasiini isani lafa suni keesaa baaftani.

32 Wold'aqisa tokole woliini intolfatina, waaqoota worraale inkad'atiina.

33 Worri sunini lafa teesani keesa intaiini; wonti akanatiifi worri ch'ubbu isani barsiise duuba hegeri nati ch'ubbamtani. Yo isani waaqoota worraa kad'attani, ya t'urura hama keesa ufi buuftani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan