Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 20 - KITAABA WAAQA

1 Waaqi dubbi tana dubbate waan jed'e:

2 Anini AABBO Waaqa kanketi, ka lafa Misiri fulla atini tisse iti tate keesaa si baase.

3 Na male, waaqoota d'ibi inkad'atiini.

4 Akheekha waan tokole, ka lafafi gubbafi bisaani lafa jala jirale boch'ite imid'aafatiini.

5 Waan boch'ani mid'aasani kana tokole dura gajette inkad'atiini; wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, waan d'ibi na biraani kad'atani inoobsu. Anini ammalle nama jibbuufi d'aloota worraa ka sadeesotiifi ka afreesole gaargala itiini d'ufa.

6 Ammo anini d'aloota kunki kunki ka na jaalate seera kiyya guutu jaalad'e nahaafi.

7 Maqa kiyya ufumaa ind'aini, wonti akanatiifi anini, AABBO Waaqi kanke, nama ufumaa maqa kiyya d'au wollaala iti mura.

8 Guyya Sabato qaabad'u, qulqullo tolfad'u.

9 Guyya jaa huji tante ch'ufa hojad'u,

10 ammo guyyaani torbeeso guyya Sabato ka AABBO Waaqa kanketiti. Guyya suni huji tokole inhojatiini, si taanaani, ijoolle tante taanaani, tissele tante taanaani, hori kanke taanaani, yokhaani keessuma tantele taanaani; guyya suni ooli.

11 Wonti akanatiifi AABBO Waaqi guyya jaa keesati gubba, lafa, galaanafi waan keesa jirale ch'ufa mid'aase, guyya torbeeso hafuura baafate. Tanaafi AABBO Waaqi Sabato eebise qulqullo tolche.

12 Abbeetiifi haateti saalfad'i, aka lafa AABBO Waaqi sii kenne keesati lubbuuni tante d'eerattu.

13 Nama inijeesiini.

14 D'iirafi nad'eeni wolbaratte gaarayule woli intolfatini.

15 Woma inhatiini.

16 Nama tokole yakite waan d'araatiini inhimatini.

17 Waan nami d'ibiini qabu, mana isaa taanaani, niiti isaa taanaani, tisse isaa taanaani, looni isaa taanaani, yokhaani harrele, waan inni qabufu, tokole ind'arainiifi.


Soda biyyiti sodaatte
( Qaabacha Seera 5.22-33 )

18 Duuba nami ch'ufti mandisufi angaasufi qonqo magalatatiifi aara gaara keesaa kau arginaani sodaate hollate, gaara ira fago ejaanjani

19 waan Musani jed'ani, Atini nuuni dubbad'i, nu si ch'aqamna, ammo Waaqi ch'allaani nuuni indubbatiini; yo inni nuuni dubbate nu inhobaana.

20 Jennaani Musani waan biyyaani jed'e, Insodaatina; wonti akanatiifi Waaqi isani laalu d'ufe, aka isani isa sodaatani ch'ubbu intolchine.

21 Duuba biyyiti fago ejaanjite, ammo Musani dukana sipe taani fulla Waaqi jiruti deeme.


Aada fulla sorio iti baasani

22 AABBO Waaqi waan Musani jed'e, Waan atini worra Israelitini jettu, Isani yayu gartani, aka anini gubbaa isaniini dubbad'e.

23 Isani waaqoota d'ibi ka qarsi yokhaani worqiini mid'aasani anani wolti qabdani inkad'atiina.

24 Fulla sorio iti qalani biyyeeni naa mid'aasa, ammalle artiti sorio hoolatiifi ta looni gubaa na baasa, aka sorio wold'ageeti taatu; fulla anini fohad'e isani iti na kad'attani ch'ufa anini d'ufe isani eebisa.

25 Yo isani waan sorio irati baasani d'akhaani naa mid'aasitani, d'akha boch'aniini imid'asiina; wonti akanatiifi yo isani d'akha hoot'ani, ya waan naa himmalliini tolchitani.

26 Waan sorio irati baasani suni, faano gula olkorani iti intolchina; wonti akanatiifi yo isani gula olkortani, qullati isani mullata.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan