Bahisa 2 - KITAABA WAAQA1 Nami toko ka gosa Lawi intala dubra ta gosa isaa fuud'e, 2 isiini ilma d'alteefi. Isiini aka ilmi kaani mid'aagu agarraani haga jia sadi d'ossite. 3 Aka dandeete hagasi ira ind'ossine agarte jennaani dadu meellaani d'aani fuute waan aka hampetiini qaa ch'ufa duuchite, aka bisaani inseene, tolchite. Duuba gurba keesa keete ilaadu afaani galaanati baatu keesati d'ossite. 4 Oboleetiini isaa isa ira hanqo ejite waan isa tolchani laalte. 5 Jennaani intalti Farao bisaani d'iqachu galaana d'ufte, ka hojattuuni isii afaani galaana dedeemtu. Ato teete bisaani d'iqattu, dadu ilaadu keesa bisaani gubbaa teetu garte hojattu isii ergite, Fuud'i jetteeni. 6 Bante jennaani daima bohu jiru keesati agarte naateefi waan jette, Daimi kunini, ka worra gosa Ebrania. 7 Jennaani oboleetiini daima kaani d'ufte waan intala Faraotiini jette, Deeme qabdu daima nad'eeni Ebrania keesa sii barbaade ho? 8 Intalti Farao waan jetteeni, Ee, beeni. Duuba isiini deemte haad'a daima kaani d'alte yaamte. 9 Intalti Farao waan isiini jette, Daima kana fuud'i, duuba anini waan si male sii kenna. Tanaafi niitiini taani daima fuute guddifte. 10 Eegi suni daimi guddannaani isiini intala Faraotiini d'ufte, duuba isiini ilma tolfatte waan ufiini jette, Anini bisaani keesaa isa fuud'e, tanaafi maqa isaa Musa baasa jette. Aka Musani lafa Midianiti baqate 11 Musani guddate jennaani guyya toko gara gosa isaa d'aqe, aka worra gaargalchani hubate; ammalle namicha gosa Misiri toko ka tae nama gosa isaa ka Ebrania d'aanu arge. 12 Jennaani mirga bitaa millate, namu ufi bira d'amnaani namicha gosa Misiri kaani ijeese maansa keesati awaale. 13 Boriyya achiti deebie worra Ebrania lama ka woli diduu jiru arge namicha fulla injirreeni waan jed'e, Maafi oboleesa kanke d'aanta? 14 Namichi waan jed'eeni, Eentu hayyufi jaallaba keenna si tolche? Akuma kale namicha Misiri suni ijeefte nale ijeesu feeta? Jennaani Musani sodaate waan ufiini jed'e, Ada woni anini tolche ya beekhamte! 15 Faraoni waan kana d'agaye jennaani Musa ijeesu fed'e. Ammo Musani Farao duraa baqate lafa Midiani d'ufe, fulla eela tokotini bahe arti tae. 16 Jennaani dubarti qaallu Midiani torba eela suni d'ufte bisaani keesa toote naanigati nat'e ree obaafte. 17 Ammo tissituuni d'ibiini d'ufte dubra taani eela iraa gussite jennaani, Musani kae dubra suni qarqaare ree bisaani obaaseefi. 18 Isiini worrati gallaani abbaani isii Reueliini waan jed'eeni, Arra eesa akana yoosu hure galtani? 19 Isiini waan jetteeni, Namicha Misiri tokoti harka tissitu keesa nu baase bisaani nu woraabe ree nuu obaase. 20 Inni waan dubra ufiitini jed'e, Me namichi? Maafi namicha lakiftani? Beena, yaama, ha nu woliini gololfatu. 21 Duuba Musani worra namicha suni gale jennaani jaarsi suni intala isaa ta Zipora jed'ani Musaa kenne, inni isi fuud'e. 22 Isiini ilma d'alteefi, inni anini qara lafa tanati keessuma jed'e maqa Gershomu baaseefi. 23 Eegi ganna heddu hayyuuni lafa Misiri lubbu d'abe; ammo taatule gosa Israeli gaargala tissooma kaani woma iti ingoomne. Tanaafi worri Waaqati bohe qarqaarsa kad'ate, kad'a suni Waaqi d'agaye. 24 Duuba Waaqi boha suni d'ageennaani wold'aqisa duri Abrahamufi Isaaqofi Yakobooni woliini tolfate kaani qaabate 25 finna worraa arge naheefi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya