Bahisa 18 - KITAABA WAAQA1 Yethrooni, qaalluuni Midiani, ka sodda Musaa, waan Waaqi Musafi worra Israeli tolche lafa Misirile keesaa baase d'agaye. 2 Duuba Yethrooni, soddaani Musa, intala isaa Zipora, ta Musani eegi fuud'e ufi jala galchefi 3 ilmaani isii lamaani ta d'iirale itiini d'ufe. Maqaani ijoolle suni Gershomufi Eliezeri. (Musani qara waan jed'e, Anini keessuma lafa biyya ke teetu; tanaafi inni gurba toko maqa Gershomu baaseefi. 4 Inni ammalle, Waaqa abba kiyyati na qarqaare ijeecha sila hayyuuni Misiri na ijeesu jalaa na baase jed'e; tanaafi gurba lameeso maqa Eliezeri baaseefi.) 5 Soddaani Musa Yethrooni ilmaani Musatiifi niiti isaale lafa aloo, fulla gaara Waaqaa, ta Musani iti qubateti, isatini d'ufe. 6 Jennaani nami toko waan Musani jed'e, Laali, sodda kanke Yethrofi niiti teetifi ijoolleeni tantetileeni d'ufu jirani. 7 Duuba Musani sodda isaa fuula keesa deeme iti jige d'ungate odu iraa fuud'e gara waaro isaa geese. 8 Jennaani Musani waan Waaqi maro Israelitiifi worra Misiritiifi Farao tolche ammalle gaargala karaati worrati d'ufe Waaqi keesaa baasele sodda isaati haasae. 9 Yethrooni waan dansa Waaqi worra Israeliti tolche d'ageennaani gammade, 10 waan jed'e, AABBO Waaqa ka harka Faraotiifi worra Misiri keesaa isani baase ha faarsani. 11 Anini amma imbeekha, aka AABBO Waaqi waaqoota ch'ufa ira gudda; wonti akanatiifi inni yayu gumi Israeli harka gosa Misiri, ta worra tufate dabsate, keesaa baase. 12 Duuba soddaani Musa Yethrooni, hori sorio gubani baasanifi sorio d'ibile Waaqaa baase; Harunifi jaaroleeni Israeli ch'ufti d'ufte sagale sorio ta soddaani Musaa baase suni Waaqa durati nyaatani. Fohacha jaallaboota ( Qaabacha Seera 1.9-18 ) 13 Boriyya diirama Musani jiddu biyya tae haga diirama jala qabate haga aduuni d'iituti dubbi qore. 14 Soddaani isaa waan inni tahe kana ch'ufa arge jennaani waan jed'eeni, Wonti atini teete biyya tolchitu kuni maani? Ati maafi waan kana ch'ufa ufumaa tolchita, ka biyyiti haga diirama siti d'ufte haga galgala si bira ch'iifte si gaargalchitu? 15 Musani waan jed'eeni, Wonti akanatiifi biyyiti waan Waaqa naraa barachu d'ufte. 16 Yo nami lama ka wold'abe nati d'ufe, anini ka d'araatiifi ka d'uga, aka Seeri Waaqaa jiru, gula gargari baasa. 17 Jennaani Yethrooni waan jed'e, Wonti atini tolchuu jirtu kunini qajeelaniti. 18 Atini ufumaani ufi dad'absiifte worra kanale dad'absiifta. Wonti atini kobaa tolchitu kunini guddo sii d'iba. 19 Me, amma mala sii d'aa, dubbi tiyya ch'aqasi, ammalle Waaqi ha si woliini jiraatu! Ati gumi Waaqaa dura eji, d'iba worra iti himiifi. 20 Atini aada Waaqatifi seera Waaqaa barsiisi, ammalle aka gula deemani barsiisi. 21 Ammalle nama jajaba atini abdatu, ka Waaqa sodaatu, ka d'uga beekhu, ka ammalle gumbo imfud'anne fili, mata gumi kuma yokhaani d'ibba yokhaani shantama yokhaani kud'ani tolchi. 22 Worri ha yo ch'ufa waan nami irati wold'abe qore dubbi dandaani hobaasani buufate, ta dad'abe sitiini d'ufu, aka akanaani hujiini sii sablatte hafuura baafattu. 23 Yo atini akuma Waaqi jed'e waan kana tolchite, hujiini sunini si indabsattu ammalle biyya tana ch'ufa wollaala worraa qorte murte, worri gammadaani si biraa gala. 24 Duuba Musani gorsa sodda isaa d'agaye waan inni jed'e ch'ufa tolche. 25 Musani nama inni abdate jajaba worra Israeli keesaa file, mata nama kuma toko taanaani, nama d'ibba toko taanaani, nama shantama taanaani, nama kud'anile taanaani tolche. 26 Duuba worri sunini maro ch'ufa biyyaa dubbi ilaale, ammo dubbi jajabdu Musati lakise, dubbi didiqo d'ibi worrumaani fit'e. 27 Musani sodda isaa Nagayaati jed'eeni gad'iise, jennaani soddaani isa kae lafa ufiiti gale. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya