Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 13 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi waan Musani jed'e,

2 Ilmaani d'iira ta angafa ta nad'eeni gosa Israeli d'alteefi ilme hanch'afa ta horiini worraa goroomuma d'ale ch'ufa naa baasa, isiini tiyya.


Jila Qit'a bukho inqamne

3 Musani waan gumiini Israelitini jed'e, Guyya kana ka isani lafa Misiri boola tissooma keesaa baatani, ka AABBO Waaqi harka ufitiini lafa suni keesaa isani baase qaabad'a; qit'a bukho qabu inyaatina.

4 Guyyaani isani lafa tana keesaa baatani arra, jia qara ka jia Abibu jed'ani kana.

5 Gaafa AABBO Waaqi lafa gosa kanaani, ta Hiti, ta Amori, ta Hivi ammalle lafa Yebusi ta inni duri ababoota teesanii, Inkenna jed'e kakhate, lafa aananifi dammi aka lolaa yautiini isanii d'ufe, achiti aada tana jia kana jabeesa tolfad'a.

6 Guyya torba qit'a bukho inqamne nyaad'a guyya torbeeso jila AABBO Waaqa tolcha.

7 Qit'a bukho inqamne suni guyya torba nyaad'a. Bukhofi qit'a bukho qabule isanifi lafa teesanile tokole keesati inargini.

8 Guyya suni ilmaani teesani ta d'iirati hima waan jettaniini, Wonti nu waan kana tolchinufi qaabacha waan AABBO Waaqi gaafa lafa Misiri keesaa nu baase nuu tolche.

9 Amma wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka harkaafi adda teesani iraa mullatu, ammalle ha qaabacha jiddu teesani jirtu taatu, aka dubbini AABBO Waaqa garaa keesani keesaa imbaane; wonti akanatiifi AABBO Waaqi harka isaa jabaani lafa Misiri keesaa isani baase.

10 Waan kanaafi duuba aada tana jabeesa, woga isii ganna ch'ufa tolfad'a.


Angafoota

11 Yo AABBO Waaqi lafa Kanaani, ta inni isanifi abbooti teesani kenna jed'e kakhateeni isani d'ufe,

12 ilme hanch'afa ta horiini goroomuma d'aleefi ilmaani d'iira ta angafa ch'ufa AABBO Waaqaa baasa. Yabbiyeeni hanch'afa ta goroomuma d'alate ch'ufti ta AABBO Waaqa taati.

13 Bukhura korma ka harreeni qara d'alte ch'ufa, ilmaani hoolatiini jijirad'a, yo jijirachu baatani lume ch'absa. Ilmaani teesani ta d'iira ta angafa bitad'a.

14 Eegi tana, yo ilmaani teesani, Wonti kunini maani? jette isani gaafate, waan jettaniini, AABBO Waaqi irre isaa guddooni lafa Misiri ta nu tisse keesati taane harka ufitiini keesaa nu baase jed'aani.

15 Faraoni nu gad'iisu dinnaani AABBO Waaqi ilme hanch'afa ta horiini goroomuma d'aleefi ilmaani d'iira ta angafa ta worra Misiri fit'e. Tanaafi yabbiye hanch'afa ta goroomuma d'alatte ch'ufa sorio AABBO Waaqaa baamne, ammo ilmaani angafa ch'ufa bitanna.

16 Wonti kunini ha akheekha isanii taate, aka beesisa harkaafi adda teesani iraa mullatu; wonti akanatiifi AABBO Waaqi lafa Misiri keesaa harka isaa jabaani nu baase.


Baldo dumansatiifi goola ibidaa

17 Faraoni worra Israeli gadi lakimnaani Waaqi, ato karaani lafa Filisti gabaaba taatele, achi worra inqajeelchine; wonti akanatiifi Waaqi waan jed'e, Worri kuni yo nyaapi lafa Misiriti d'aqabe, hegeri garagale booju worra kad'ate Misiriti dachaa.

18 Ammo AABBO Waaqi worra kara marto, ka lafa aloo qajeelu, galaana Diimati qajeelche, worri ka lola kurfefate, lafa Misiri keesaa bahe.

19 Duuba Musani lafele Yusufu fuud'e deemeeni; wonti akanatiifi Yusufuuni duri guddo worra Israeliti d'aamate waan jed'e, Waaqi isani baasu d'ufa, duuba gaafa inni d'ufe lafele tiyya lafa tana keesaa fuud'a yaani.

20 Duuba worri Sukothii kae Etamu qota lafa aloo qubate.

21 AABBO Waaqi guyya aka baldo dumansaa worra dura deeme, aka worri gula yae kara iraa imbanne, halkanile aka goola ibidaa bobae ifse, worri ifse argate halkanii guyya godaane.

22 Baldooni dumansaa ta guyya worra dura deemtufi gooli ibidaa ka halkani bobae worra ifsuleeni worra duraa imbanne.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan