Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Bahisa 12 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi lafa Misiri keesati Musafi Harunini dubbate waan jed'e,

2 Jii kunini ganna keesa ha jia qara isanii tahu.

3 Dubbi tana gumi Israeli ch'ufati hima; guyya kud'anneeso ka jia kana nami ch'ufti worra ufiiti ha kaarata ree toko fud'atu.

4 Yo worri nama suni diqaa taate fooni ilme suni ufiiti fit'u indandeenne, ha mana isati aanuni woliini nyaatani; aki fooni hori kana nyaachu malani, haga nami gahufi haga nami nyaachu dandau gula ha tahuti.

5 Horiini suni, hoolafi laleesa taanaani, ha hanch'afa qulqullicha aabbo womatu inqamne, ka ganna toko tahuti.

6 Haga guyya kud'ani afreeso ka jia kana eega, duuba galgala suni gumiini Israeli ha ch'ufti mana ufiiti hori suni qalattu.

7 Duuba nami ch'ufti ha d'iiga fuud'e siddoofi mikhikila balbala mana fooni keesati nyaatani dibani.

8 Halkani suni fooni suni ha wot'alani qit'a bukho inqamneefi waan aka raafu ka had'aatiini woliini nyaatani.

9 Fooni suni d'eed'ifi ka bisaanini d'aabani inyaatina, ammo mataa mannyefi miha garaale ch'ufa wot'ala nyaad'a.

10 Fooni tokole lafti iti imbariini, hambale guba.

11 Hojja nyaattani, woya mart'ifad'a, kobele naqad'a, arifad'a nyaad'a. Tunini jila AABBO Waaqaati, ta Pasaka jed'ani.

12 Halkanuma suni anini lafa Misiri keesa bahe angafa namaatiifi ka horifi bineensale ch'ufa ijeesa; ammalle waan harkaani boch'ani Waaqoota jed'ani lafa Misiri keesati kad'atani ch'ufa imballeesa. Anini AABBO Waaqa.

13 D'iigi mana dibani akheekha isanii taha. Yo anini d'iiga suni arge, isani bira dabra, duuba gaargali anini lafa Misiritiini d'ufu tokoleeni isani ingahu.

14 Guyyaani kunini guyya qaabacha isanii taha, ammalle guyya jila, ka AABBO Waaqa jettani qaabattani; d'aloota keesani ch'ufa keesa guyya kana qaabattani, haga jiru jireennale aada tana tolfattani.


Jila Qit'a bukho inqamne

15 Ammalle AABBO Waaqi waan jed'e, Haga bulti torba qit'a bukho inqamne nyaad'a; guyya qara waan bukho fakaata ch'ufa maneeni keesani keesaa balleesa wonti akanatiifi yo nami tokoleeni waan bukho qaba nyaate, bulti torba suni keesati, nama suni gumi Israeli keesaa kutani.

16 Guyya qaraatiifi guyya torbeesole wolti baha, guyya sunini guyya qulqullo jed'a na kad'ad'a. Huji tokole inhojatiina guyya suni, ammo sagale ch'alla d'aabad'a.

17 Jila Qit'a bukho inqamne tana qaabad'a, armaa achile tolfad'a; wonti akanatiifi guyyaani anini gosa teesani lafa Misiri keesaa baase guyya suni. Tanaafi guyya suni d'aloota keesani ch'ufa keesa qaabad'a, haga jiru jireennale aada tolfad'a.

18 Galgala guyya kud'ani afreeso ka jia qara haga galgala guyya kud'ani tokeeso, qit'a bukho inqamne ch'alla nyaad'a.

19 Bulti torba keesa bukho mana keesani keesati nami inargini; yo nami tokoleeni waan bukheesani nyaate, nama suni gumi Israeli keesaa kutani, ato keessumafi nama lafa suniti d'alatele taate.

20 Waan bukheesani tokole inyaatina, worra keesani ch'ufa keesati waan bukho inqamne ch'alla nyaad'a.


Jila Pasaka ta qara

21 Jennaani Musani jaarole Israeli ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Isaani ch'ufti yaa, kaarata ree abbu mana ufiiti fuud'a jila Pasakati qala.

22 Dame gurbi urgoo fuud'a, d'iiga qori keesa jiru ke kaya, duuba mikhikilafi siddo balbala diba, haga lafti bariituti isani nami tokoleeni mana keesaa imbahiina.

23 Yo Waaqi aka worra Misiri fit'u lafa Misiri suni ke bahe, siddoofi mikhikila balbalaa irati d'iiga arge, inni mana keesani baase akasiini waan sila nama fit'a suni isaniti seenu d'owa.

24 Aada tana isanifi d'alooti keesanileeni jabeesa, haga jiru jireenna.

25 Yo lafa AABBO Waaqi isanii kenna jed'e kakhate geetanile, aada tana illakisina, tolcha.

26 Yo ilmaani teesani, Maafi aada tana tolfattani? Jette isani gaafatte,

27 waan isani jettani, Tunini sorio Pasaka ta AABBO Waaqaa baasani; wonti akanatiifi inni mana worra Israeli lafa Misiri keesati bira dabre worra Misiri gogorae. Ammo worra keenna baase jettani. Duuba biyyiti mata gaqabate Waaqa kad'ate,

28 kaate yaate, waan AABBO Waaqi Musafi Harunini tolcha jed'eeni ch'ufa tolchite.


Duisa angafoota

29 Halkani woli qit'aani jennaani AABBO Waaqi ilmaani d'iira ta angafa ta lafa Misiri keesa jirtu, gurba Farao ka angafa ka sila hayyooma isaa d'aalu iti keeyate, much'a angafa ka abbaani isa mana iti nama hid'ani keesa jiruti d'aabe ch'ufa fit'e; ammalle ilme horiini goroomuma d'ale ch'ufa hobaase.

30 Farao, hojattu isaati, worri Misiri ch'ufti halkani lafaa kae aka hama bohani; wonti akanatiifi lafa Misiri keesa mani tokoleeni ka nami keesa induiini injiru.

31 Halkanuma suni Faraoni Musafi Haruniti nama erge waan jed'eeni, Kaa, lafa tiyya keesaa yaa, lafa tiyya keesa intaiina, isanifi worri Israeli ch'ufti aka baantani AABBO Waaqa kad'achu d'aqa.

32 Reefi looni keesanile fud'ad'a yaa, nale eebisa.

33 Worri Misiri worra Israelitini, Hurrisa lafa teenna keesaa baha, yokhaani nu ch'ufti indoona jed'eeni.

34 Duuba biyyiti qit'a bukho inqamne kaani fuute qori duri qit'a iti bukheesani taani guute woyaani hiite gurmu ira keeyatte yaate.

35 Worri Israeli, akuma Musani jed'e, faaya worqifi qarsiini mid'aasanifi woyale worra Misiri kad'ate.

36 Duuba AABBO Waaqi worra Misiri worra Israeliti saalfachiise, worri waan worri fed'u ch'ufa kenneefi. Akanaani worri Israeli worra Misiri saamate.


Aka worri Israeli lafa Misiri keesaa bahe

37 Worri Israeli Ramesesi godaane lafa Sukothitini bahe. Worri nami d'iira ka miilaani yae nama kuma d'ibba jaa, ka nad'eenifi ijoolleeni keesa injirre.

38 Nami gosa d'ibileeni, gumiini guddooni muumme inqamne, ta reefi loonile qabdu, worra woliini godaante.

39 Worri qit'a bukho inqamne ka lafa Misiri keesaa fud'ate kaani d'aabate; wonti akanatiifi worra lafa Misiri keesaa, ato worri inkurfefatiinu, gussani, yo qit'a bukhefatanifi yo woreega fud'atanile d'abani.

40 Worri Israeli ganna d'ibba afuritiifi sodoma lafa Misiri keesa tae.

41 Ganni d'ibba afuritiifi sodoma hobaanaani gumiini AABBO Waaqa ch'ufti lafa Misiri keesaa godaante.

42 Kunini halkani Waaqi worra eege lafa Misiri keesa baase; tanaafi halkani suni worra Israelitiifi d'alooti worraleeni AABBO Waaqa qaabate eegaa bule.


Aada Pasaka

43 AABBO Waaqi waan Musafi Harunini jed'e, Aadaani Pasaka tana: Nami gosa teesani intahiini tokoleeni sagale Pasaka inyaatini.

44 Tisse isani bitattanileeni haga qabanqaba qabdanifiti inyaatini.

45 Keessumafi hojattuuni lafa d'ibii d'ufte ta isani hojatuleeni sagale suni inyaatini.

46 Fooni suni ha manuma iti d'aabaniti nyaataniti, alatiini imbahiina, lafele inch'ach'absiina.

47 Gumiini Israeli ch'ufti ha jila Pasaka tana tolfattu.

48 Yo nami gosa d'ibi ka isani woliini godaanu Pasaka AABBO Waaqaa tolfachu fed'e, d'iirti worra ch'ufti ha qabanqaba qabatu, aka nama lafa Israeliti d'alate tahu, ammo ka qabanqaba inqabatini sagale Pasaka suni inyaatini.

49 Aadaani tunini ha ta gosa Israelitiifi ta worra iti galale taatu.

50 Akanaani worri Israeli waan AABBO Waaqi Musafi Harunini jed'e tolche.

51 Guyyuma suni AABBO Waaqi gumi Israeli lafa Misiri keesaa baase.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan