Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Abba herega 9 - KITAABA WAAQA

1 Anini waan kana ch'ufa guddo herege jennaani aka wonti nami qaroofi qajeelani tolchufi jaalalaafi jibbi worraleeni Waaqa iraa d'uftu arge. Nami tokoleeni ka waan iti deemu beekhu injiru.

2 Nama qajeelafi ch'ubbichileeni, dansaafi hamaleeni, ka aada Waaqa jabeesufi ka injabeesineleeni, yokhaani ka sorio qaalufi ka inqalleleeni woma takaa taha, inuma dua. Nami dansaani nama hama iraa ingoomu, ka kakhatuleeni ka kakhu didu iraa ingoomu.

3 Nama ch'ufa waan takaati eegata, duuba tuleeni waan hamtu toko, ka lafa tana irati namati d'ufa. Nami haga jiru ch'ufa heregi isaa woma hamtufi maraatumaani guutame, duuba yoosu dua.

4 Ammo taatule nami lafa tana gubba jiru, waan d'aabatu qaba; sareeni lubbu qabdu nyeench'a due ira jirti.

5 Ee, ka jiru aka duu imbeekha, ammo ka due woma tokole imbeekhu. Wonti worri argatu injirtu, deebiani inqaabatanile.

6 Jaalala, jibba, d'iibiini worraleeni worruma woliini dooti. Ituma deebiani waan nami jiru lafa tana irati tolchu qooda keesa inqabani.

7 Beeni, sagale soorad'u, gammadi, daad'i d'ugi, qilit'ami, Waaqi dubbi womaatu ira inqabu.

8 Woya shooba naqad'u, d'ad'a mataa dibad'i.

9 Niiti jaalattu woliini gammada, haga jireenna woma imbaane ka Waaqi sii kenne kana jirtu. Bulti soora inqamne tana ch'ufa gammadi, wonti atini huji hojattu ira argatu sunuma.

10 Waan hojattu ch'ufati jabaad'i, wonti akanatiifi fulla dua ta worra gadi, ta atini iti deemtu, huji, herega, beekha, yokhaani qaroomileeni tokoleeni injiru.

11 Anini lafa tana irati waan toko d'ibile ya hubad'e; qolchaani dogoomsu keesa guyya ch'ufa nama inqolchu, jannileeni had'iisa guyya ch'ufa indabsatu, qarooleeni guyya ch'ufa bulti inargatu, nami maltichileeni guyya ch'ufa horiti imbahu, ammalle nami jabaani wo beekhuleeni hojja ch'ufa waan fed'u inargatu. Mudani namuma ch'ufati galti.

12 Namu guyya ufii imbeekhu, akuma simpirreefi qurt'umi t'ururaani qabani, akasuma aka dagutiini hojja hamtu nama qabani.


Waan qaroomafi daalluma

13 Anini ammalle akheekha qarooma, ka lafa tana irati tahe, ka guddo na gale, ya arge.

14 Duri dira diqa tokoti, ka nama diqa qabu, jira; jennaani hayyichi jabaani toko had'iisaa d'ufe dira suni marse naabo isaa ch'absaa kurfefate.

15 Dira suni keesa namicha deega toko jira, ka sila qalbi ufitiini dandae dira suni baasu, ammo namu isa inqaabanne.

16 Akuma anini guyya ch'ufa jed'u, qaroomati irre ch'aala, ammo nami tokoleeni nama hiyyeesa qaro insehu, yokhaani waan inni jed'u jala inqabani.

17 Yo sila haasaa laana ka nama qaro ch'aqasani dansa, fulla hayyu kora daalle keesati tae lallabu ch'aqasani ira.

18 Qarooni miha lola ira wo mid'aasa, ammo ch'ubbichi toko waan dansa heddu balleesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan