Abba herega 8 - KITAABA WAAQA1 Eentu nama qaro fakaata? Eentu waan dubbini ch'ufti jettu beekha? Qaroomi hameenna nama ira balleese nama mid'aasa. Hayyuu saalfad'a 2 Waan hayyuuni jed'e tolchi, heredde male Waaqa durati woma inkakhatiini. 3 Hayyuuni waan fed'u tolcha, tanaafi isa biraa deemu malte; fulla soda ta akana tana keesa intaiini. 4 Dubbini hayyuu jabeenna qabdi; eentu, atini maafi waan kana tolchita? Jed'e isa gaafata? 5 Nami dubbi isaa guutu woma intahu, qarooni dubbi suni aka guutufi hojja guutule imbeekha. 6 Hojafi karaani dansaani wo tolchani injira, ammo beekhi namaa diqa! 7 Nu nami tokoleeni ka waan taha beekhu injiru, yokhaani nami nuti himuleeni injiru. 8 Nami tokoleeni ka dandae duu ufi d'owe guyya isaa dabarfatu injiru. Sunini woraana, nu nami tokoleeni dandae duraa imbaane; nu diqole duraa ufi baasu indandeennu. Ch'ubbichafi qajeela 9 Anini gaafa waan lafa tana irati tolchani herege, wonti anini arge, nama gari ka jabeenna qabuufi nama gari ka worra suni jalati gaargalu arge. 10 Anini nama hamama awaalani arge, ammo nami worra awaale biraa galu, ato karaa yau, diruma worri duri hameenna keesati tolche keesati dansuma worraa dubbata. Tunileeni woma imbaatu. 11 Nami maanifi yoosu ch'ubbu tolcha? Maro ch'ubbu worraa hurrisani qorani wollaala iti imurreefi. 12 Ch'ubbichi dandae maro d'ibba toko hameenna tolche iraa hafe lubbu bula. Anini waan nami jed'u imbeekha; hojja atini Waaqa sodaatte woma intaatu, 13 ammo ch'ubbichi wo taha. Jireenni isaa aka gaandidu jira, inni yoosu dua, waan inni Waaqa insodaanneefi jed'ani. 14 Ammo tunileeni dubbiniti, d'ara. Me, waan lafa keesati tahe, laala: hojja gari nami qajeelani fulla ch'ubbicha gaargala argata, ammalle ch'ubbichileeni fulla nama qajeela galata argata. Anini waan jed'u, Tunileeni woma imbaatu. 15 Tanaafi wonti anini arge, nami ufi macheesu male; wonti akanatiifi gammachuuni inni jireenna kana keesa qabu nyaatafi machi ch'alla. Ato inni haga Waaqi lubbu isaa lafa tana irati bulchu hojatu, yo waan d'ibi dad'abele waan kana tolchu indad'abu. 16 Gaafa anini duri qarooma barbaade waan lafa keesati tolchani barachaa iti game, wonti anini hubad'e, ato nami halkani hiriba ufi d'owe taa bulele, 17 dandae waan Waaqi tolchu inhubatu. Ato nami haga fed'u barbaadele inargu. Nami qarooleeni ato, Imbeekha jed'ele dandae imbeekhu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya