Abba herega 7 - KITAABA WAAQA1 Gurri dansaani waan horatani ch'ufa ira jira; guyyaani dua ka d'aloota ira jira. 2 Fulla mana jila deemani, hojja mana boha deemani ira jirti, waan nami jiru aka dooti isa eegatu ufi qaabsisuufi. 3 Laalefachaani kobla ira jirti; yo fuula si yakitele hubacha sii kenniti. 4 Nami hojja ch'ufa waan gammada heregu daalle. Nami qarooni waan dua herega. 5 Fulla daalleeni si gorsu hojja qarooni si gorsu ira sii jirti. 6 Yo daalleeni kofaltu, kobli isii qoraati ibidati naqani ta d'ud'uqiftu fakaata. Tunileeni woma keesa injirtu. 7 Qarooni nama sobu daalle fakaata; ammalle gumbo nyaachitiini gurra nama balleesiti. 8 Muummeeni waan ch'ufa uumama isii ira jirti. Obsileeni ufi saadu ira jira. 9 Miira guddad'i; haalo wolfuud'itiini daalluma. 10 Finni duri eesa finna amma ira jira? Injed'ina. Sunini gaafi daallumaati. 11 Nami jiru ch'ufti qaro tahu male; wonti akanatiifi qaroomi d'aala ira wo namaa baha, 12 ammalle akuma beeseeni namaa, waan takaa tanale nama qarqaartu, innileeni nama qarqaara. Qaroomi nama qorqorata — aki beekhi wo namaa bahu akana. 13 Me, waan Waaqi tolche heregi. Eentu dandae waan Waaqi dabse qajeelcha? 14 Hojja wo sii mid'aagaani gammadi, ammalle hojja gaargali d'ufu waan kana qaabad'u: Waaqumati gammadafi gaargalale namaatiini d'ufa; nami dandae waan iti deemu imbeekhu. 15 Jireenni kiyya qara woma keesa injiru, ammo ha taatuti, isa keesati guddo wo arge. Ato nami qajeelani dansaani duu, nami hamaani ato hamaatele lubbu bula. 16 Tanaafi guddo nama d'uga taate, yokhaani qaro taate, waan ch'ufa keesa indabriini — maanifi ufumaa ufi balleesita? 17 Ammo akuma suni, nama hama taate yokhaani daalle taate, waan ch'ufa keesa indabriini — maanifi ato guyyaani kanke ingeenne ufi ijeefta? 18 Gama lachu gula injigiini, jidduma keesati hafi. Ammo yo atini nama Waaqa sodaatu taate, inuma dabsatta. 19 Hayyoota kud'ani ta dira toko keesa jirtu ira qaroomi nama qaro jabeesa. 20 Lafa ira nami tokoleeni, ka hojja ch'ufa d'uga tolche wollaala inqamne, injiru. 21 Dubbi nami jed'u ch'ufa gula indeemini — hegeri hojattu tante ta si arabsitufa d'ageeta; 22 atileeni imbeeta, aka maro heddu nama arabsite. 23 Waan anini jed'e kana ch'ufa qarooma kiyyaani laale arge. Anini qaro tahu fed'e, ammo tahu dad'abe. 24 Nami akami dandae aka jireenni jiru hubata? Jireenni kunini waan nami aka isa beekhuniti, dandaani inhubatani. 25 Ammo ato akasile taate, anini ufi baase aka beekhaani wo barad'u; ammalle aka qaroomafi waan imbeennele barad'e, aka woni hamtuuni daallumafi maraatu hubad'u. 26 Anini waan duisa ira hamtu arge — nad'eeni. Jaalalti isiini sii qabdu aka t'urura nama qabdi, harki isii ka nama marsu akuma sansalata nama hid'a. Nami Waaqa jaalatu dandae jalaa baha, ammo isiini nama daba inuma qabdi. 27 Abbaani herega waan jed'e, Anini ato toko tokooni barbaadu wo arge. 28 Anini waan d'ibile heregaani barbaade argu dad'abe. Anini nama kuma toko keesa nama d'iira toko ka goomu arge, ammo nad'eeni tokole ingarre. 29 Wonti anini arge tana ch'alla. Waaqi qajeelumani nu mid'aase, ammo nami aka ira ufi gorse ufi babadeesa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya