Abba herega 5 - KITAABA WAAQA1 Hojja Mana Waaqati kad'achu d'at'u ufi eegad'i; yo wo baracha Mana Waaqa d'at'e ira sii jirti, fulla atini aka worra daalle, ka d'araafi d'uga gargari imbeenne, sorio baaftu. 2 Hubatte male indubbatiini, ammalle herega male, Waaqaa wo tolcha injed'ini. Inni gubba jira, atini lafa jirta, tanaafi waan jechu malte male, dubbi ind'eerisiini. 3 Akuma atini waan guddo yaadduuni, akasuma oobju hamtu oobjatta; ammalle akuma dubbi guddattuuni, daallumti siti guddatti. 4 Yoyu atini Waaqa wo kakhatte, kakhu suni hurrisi guutiifi; inni daalle woma ira inqabu, tanaafi atini waan kakhatte suni guutiifi. 5 Fulla kakhu dandeete inguunne kakhattu, yo afaani qabatte ufira teete, ira sii jirti. 6 Arabi kanke ch'ubbu keesa si imbuusini, aka hegeri kakhu tante tana ergattu Waaqa durati imormanne. Maafi Waaqa ufiti dallansiifta? Maafi aka inni huji atini tolchitu balleesu iti lakifta? 7 Ato guddo oobjatte, huji woma keesa injirre hojatte, yokhaani dubbi d'eeratele, Waaqa sodaachu malte. Jireenni woma namaa imbahu 8 Hojja atini lafa toko keesati hiyyeesa dabsani d'ugaafi qajeeluma d'owani argite, imamiini. Nama gudda ch'ufa nama isa ira jiruti tissa, ammo worra lachule nama worra ira jiruti tissa. 9 Hayyuleeni waan lafti baaftu male injiraatu. 10 Nami beese jaalatu inquufu; nami durooma barbaadu waan fed'u ch'ufa inargatu. Tuninileeni woma imbaatu. 11 Akuma nami hori gudda qabuuni, nama heddu nyaachisa. Tirfiini inni waan kana iraa qabu maani? — Agarta ila male. 12 Nami harkaani hojatu, yo waan diqofi guddo nyaatule, hiriba dansa halkani ind'abu. Dureesi ammo ato waan nyaatu guddole qabaate yaadaa imbulu. 13 Wonti hamtuuni toko ta anini lafa tana keesati arge tana: nami beese guddo woi jed'e olkayu, 14 duuba mudani iti galte, waan ilmaani isaa iraa d'aaltule d'aba. 15 Nami akuma qulla garaa haad'aa keesaa bahe, akasuma lafa tana iraa dua. Ato inni hojate waan guddo qabaatele, gaafa duu harkuma duwa biraa deema. 16 Akasi qajeelaniti, ka nami akuma d'ufe deebiu! Inni guddo hojate qilleensa qabichati game, maani argate re? 17 Inni dukana keesa laalefachafi gaargalafi dallansufi fayyad'abaani taa. 18 Wonti anini arge tana: wonti waan ch'ufa ira dansa, ka namu tolchuu male, aka waan hojate argate nyaate d'uge gammaduuni, haga bulti gabaabdu Waaqi kenneefi tana jiru; jiruuni namaatu tanuma. 19 Yo Waaqi duroomafi qabeenna namaa kenne nama macheese, nami sunini sila galata isaa deebise, waan hojate kaale iraa gammadu male. Tunini ch'ufti kenni Waaqaati. 20 Waan Waaqi isa gammachiiseefi, inni jireenna isaa gabaaba kana guddo iyyaadu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya