Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Abba herega 12 - KITAABA WAAQA

1 Tanaafi atini Waaqa ka si uume kaimoma kanke keesa qaabad'i, ato guyyaani hamaani, atini gungumte, anini jireenna inqabu jettu, ingahiini.

2 Gaafasi ifsaani adutiifi ka jiatiifi ka urjileeni siti dukanaa, ammalle huriini dumansa ta indabarre sira teeti.

3 Duuba gaafasi harki kanke ka si qarqaare sirati holate, miili kanke jajabaani kunini sii lalaafa. Ilkaanile ya jaarte buufatte, waan woiini nyaatu inqabdu. Iltileeni ya si waaroofte, aka dansa woma si ingartu.

4 Gurrileeni ya si duude, gohanna olla keesale ind'ageetu. Girreesa d'akha daakhutiifi sirba sirbanile laato d'ageeta, ammo ch'iweesi simpirreleeni yoosu lafaa sa si kaasa.

5 Fulla goodo ch'ufa sodaatte, deemani si d'ibdi. Rifeensi kanke ch'ufti si arrae chochoule dad'abde, d'arraani woi ch'ufti si keesaa hobaati. Yo nami fulla ufi ta haga jiru iti boqotu d'aqu, olla keesa guddo isaa bohani.

6 Sansalati qarsi ch'ite, ifseeni worqileeni lafa d'oofte ch'ach'abdi; haadi bisaanini gurteesanileeni ch'ite, wodamooni buute ch'abdi.

7 Nafi isaa biyyeeti deebie, hafuuri isaa ka jireennale gara Waaqa ka qara isaa kenneti deebia.

8 Abbaani Herega waan jed'e, Woma imbaatu, woma imbaatu, wonti tokoleeni woma imbaatu.


Dubbi buufata

9 Ammo waan Abbaani Herega sunini qarootifi, inni waan ufi beekhu halkanifi guyya nama barsiise. Inni mammaasa heddu barate qajeelche jed'e.

10 Abbaani Herega sunini dubbi nama jabeesitu barbaade, duuba dubbi qajeeltu t'aafe.

11 Jechi worra qaro aka ule qara qabdu, ta tissituuni hooliye hooliyeeni woworaante karaati qajeelchituni jira, yokhaani mammaasi wolti guurani akuma d'isa jabeesani gad'aani jira. Jecha kana ch'ufa Waaqa, tissitu nama ch'ufati, namaa kenne.

12 Ilma kiyya, waan d'ibi atini eegachu malteti jira. T'aafiini kitaaba waan keesaa bahaniniti, ammalle soomitiini guddooni si dad'absiifti.

13 Eegi waan kana ch'ufa jecha toko ch'allati hafa: Waaqa sodaad'i, seera isaa gula deemi; wonti akanatiifi wonti nama iraa fed'ani tana.

14 Waaqi waan nu tolchinu, dansaafi hamtule, ta nu d'ossati tolchinule, inqora.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan