Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Abba herega 11 - KITAABA WAAQA

1 Beese tante bunaqa lafa ala keesa keeyad'i, aka takaa tana tirfi argattu.

2 Hori kanke fulla heddu olkeyad'u; wonti akanatiifi waan hamtu guyya toko lafa tana keesati siti d'ufa imbeetu.

3 Mukhi gamuma fuula deefate qaariu ch'iisa. Dumansi yoomi galmau rooba.

4 Yo nami qilleensafi dumansa Waaqaa ka roobaa deebiu eegu, inni ituma deebie mid'aani fach'aase imuratu.

5 Waaqi ka waan ch'ufa uume, akuma atini ilmaani garaa haad'a keesati uumamte waan isiini uumamtteeni imbeenne, akasuma atini waan inni tolche imbeenne.

6 Galgalaafi diiramale mid'aani fach'aasi, wonti akanatiifi atini ka ira baha imbeetu, yokhaani aka lachu akuma takaa bahani imbeetu.

7 Aduuni waan dansa, ilti namaleeni ifsa isii suni feeti.

8 Nami lubbu bule ch'ufti ha gammadu; ammo ha qaabatuuti, aka guyyaani dua ka dukana hagasi ira d'eera. Wonti tokoleeni ta d'aabatani injirtu.


Gorsa nama diqaani gorsani

9 Kaimticha, haga kaimoma qabdu gammadi. Waan miiri si yaadu ch'ufa tolchi. Ammo aka Waaqi takaa tana waan atini taate si qoru qaabad'i.

10 Wonti tokoleeni si yaadesite yokhaani si ind'ukubsiini. Kaimomi kanke haga gabaaba, beekhi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan