Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Aayubu 6 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Ayubuni waan jed'e:

2 Hojja sila d'ipufi gaargala kiyya biimani,

3 isiini maansa galaanale ch'ufa ira ulfaati. Tanaafi dubbini akanumati na keesaa yaatu tunini isani imamsisiini.

4 Waaqi guddaani ya t'iya ufiitini na woraane, had'ani isii ya nafa ch'ufa na qabatte. Waaqi ya waan nama mudamsiisa fuula nati deebise.

5 Harreeni diida, yo buuyo quuftu, imbaroodi? Qotiyooni yo okhaya qabdu imarrati?

6 Ammo eenuti dandae sagale soodda inqamne soorata? Eenuti dandae oota okhokaani mieefate nyaata?

7 Anini sagale akasi dandae insorad'u, fayya na d'owarti.

8 Waaqi maanifi waan anini fed'u naa kennu dida? Inni maafi kad'acha tiyya ind'ageenne?

9 Ato inni na ch'arase gargari na ch'ire, guddo dansa!

10 Ato sila aka inni akasi tolchu beekhe olch'ech'e gammada, ato guddo d'ukubsachu jiraad'ele. Anini imbeekha Waaqi qulqullo, anileeni taka dubbi isatini imorkine.

11 Anini irree maani qaba ta jiraad'uuni? Ka d'aabu womatu inqamne akami tae obsa?

12 Anini d'akhaa? Nafa kiyya sibiilani mid'aasani?

13 Irreeni anini ufiini baasu na keesati inhamne; fullaani anini qarqaarsa iraa argad'u injirtu.

14 Nami gaargala akana kana keesa jiru jaalani dansa fed'a, ato inni Waaqa gudda sodaachu batele.

15 Ammo jaalani tiyya, isani laga fakaatani, ka hojja bokaya inqamne gogogu.

16 Lagi suni qara bisaani qabanao qaba,

17 ammo yo boni d'ufu bisaani sunini fooqatani lagi suni duwa tahe gogoga.

18 Nami karaa yau, ka bisaani barbaadu, karaa iraa gore bada; worri lafa mare lafa aloo ta gamooji keesati hobaha.

19 Nami karaa yau, ka Shebafi Tema yau, bisaani d'ugu abdata,

20 ammo abdiini sunini d'aatuma laga bisaani inqamneeti, worra ira baddi.

21 Isani laga suni nati fakaatani, isani baddi tiyya agartani naraa rifattani.

22 Anini qara ya wo isani kad'ad'e? Yokhaani nama naa gumbeesa ya isaniini jed'e?

23 Yokhaani harka nyaapatifi ka worra na dabsu ya, keesaa na baasa isaniini jed'e?

24 Hayye, me na barsiisa, wollaala kiyya na garsiisa. Anini ch'alliseti isani ch'aqasa.

25 Dubbini d'ugaa nama tut'i, ammo dubbini teesani maani namaa baati?

26 Isani yo woma qilleensi na keesaa yau seetani, maafi dubbi tiyya ta ufi jibbaata na jalaa qabdani?

27 Isani hit'a buufatani hiyyeeyi bitatani. Jaala keesani ka isaniti aanule dabsitani waan isaa nyaatani!

28 Me aka dansa fuula keesa na laala; anini nama d'ara dubbatuuniti.

29 Dubbini teesani ya naa geete, deebitani na indabsina, lakisa. Anini d'uga qaba, wollaala nati imurina.

30 Araaba kiyyati ch'ubbu qaba? Afaani kiyya d'araafi d'uga gargari imbeekhani?

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan