Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Aayubu 5 - KITAABA WAAQA

1 Yo feetu yaami, ammo eenuti sijala owaata? Malaikaani atini qarqaarsa iraa argattu jirti?

2 Laalefachaani daalle ijeefti, d'iibiini sirgo balleesiti.

3 Anini daalle qutuma dansa qabdu arginaani, maro tokotu isa abaare.

4 Ilmaani isaa maro tokotu qarqaarsa d'abde, gaadisa dubbiti nama worra dubbatu d'abani.

5 Nami beela qabu mid'aani daalle nyaata mid'aani qoraati keesati baheele nami d'eebu qabuleeni horifi isa d'iibifata.

6 Hameenni biyye keesaa ind'ufu, gaargalileeni lafa keesaa imbahu.

7 Akuma qaanqeeni ch'ech'eetu, namileeni gaargalati d'alata.

8 Yo sila anini si taate, anini Waaqa yaamad'e, gaargala kiyya iti himad'a.

9 Inni waan jabdu mama ka nami dandae inhubanne, tolcha.

10 Inni bokaya namaa roobe, oobru namaa jiisa.

11 Ka nama irre inqamne olfuud'e nama bohu gammachiisu Waaquma.

12 Inni mala malticha balleesa aka harki isaa woma inarganne.

13 Inni jaarole mala dura balleese, herega worrale d'aanfa.

14 Worra suni guyyaani dukanti ira buute, guyya guddaani aka nama halkani deemu jonjani.

15 Ammo Waaqi hiyyeesa dua keesaa baase, harka nama worra dabsule keesaa baasa.

16 Akanaani hiyyeesi abdi argate ch'ubbichale afaani qabachisani.

17 Nami Waaqi gorsu ayyaana qaba! Yo Waaqi guddaani sii qajeelchu, intufatini.

18 Waaqi si madeese ammalle qorsa sii mat'ansa inni wo si tolche harkuma ufiitini si fayyisa.

19 Inni maro heddu gaargala keesaa si baase, duuba deebie gaargali si inqabatu.

20 Yo oolaani buute, inni duu si d'owe guyya woraanale lubbu si baasa.

21 Inni nama si arabsu sira d'owe, hojja badiini d'uftu duraa si baasa.

22 Atini yo woraanafi beelti d'uftu inkofaltta, bineensa alaale insodaatu.

23 Oobruuni atini qotatuleeni d'akha inqabdu, bineensi alalleni deebie si inhad'u.

24 Gaafasi atini nagayumani mana keetiti galta; yo ree tante toatule tokole keesa ind'abdu.

25 Haguma buuyooni geetu, ilmaani teetileeni lafa ira dabarte, hagasi geeti.

26 Akuma dargayeeni baate fulla geete billachaatu, atinileeni jaarte fulla geete doota.

27 Nu jaarole waan kana ganna heddu teeneti baranne, dubbini teenna d'uga, fud'ad'i.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan