Aayubu 37 - KITAABA WAAQA1 Bokeeni sunini onne tiyya chochoosa. 2 Isani ch'ufti qonqo Waaqa ch'aqasa, mandisu afaani isaa keesa baatu. 3 Inni angaasu muumme lafa tana fuud'e, taaniti d'aabe, gubbaati angaa. 4 Duuba eege, qonqo isaa ta manditu, d'agayani, qonqo mandisu guddo, ta yo ch'ufa angaasuuni woliini jirtu. 5 Jecha Waaqaa gula wonti mama taati, wonti taka inargini, ta nami dandae inhubanne. 6 Inni hagayyaani, roobi jed'e, gannaani, gabad'i jed'a. 7 Inni huji nama ch'ufaa ejachise, aka huji hojatu nama garsiisa. 8 Bineensileeni goda ufiti baqata. 9 Bubbeeni jabduuni bitaa d'ufte, d'aamochi hamani mirgaa d'ufa, 10 hafuuri Waaqa bisaani qabaneese d'akha tolcha. 11 Angaasuuni dumansa keesa angaati, 12 ato dumansi fed'i Waaqa gula gubba deemu. Dumansi suni fed'i Waaqa gula fulla ch'ufa yaa. 13 Waaqi bokaya lafati rooba; bokeeni sunini gaargala namaatiini d'ufa, yokhaani eeba namatini d'ufa. 14 Ayubu me miila d'abad'i, waan mama ka Waaqi tolchu heregi. 15 Atini aka Waaqi dubbate angaasu dumansa keesa angau imbeeta? 16 Atini aka dumansi gubba deeme, qalbi Waaqaa guddo garsiisu beeta? 17 Atini gaafa qilleensi bitaa lafa balleesu, ufuma teete owani doota. 18 Atini dandeete Waaqa qarqaarte, gubba ballifte jabdu aka sibiila diima tolchita? 19 Waan nu Waaqaani jechu male nu barsiisi: nu dukanuma keesa jira waan jennu imbeennu. 20 Aka anini Waaqaani dubbachu fed'u iti himani? Nami tokoleeni Waaqaani na balleesi injed'a? Amma tana nami tokoleeni dandae adu ilaalu. 21 Isiini bibilit'eti ilati nama ejiti; bubbeeleeni yayu gubba harte qulqulleesite. 22 Waan aka worqi bibiliqa mirgati argani, guddinni Waaqa nu mamsiisa. 23 Nu dandeenne Waaqa gudda ind'aqamnu, jabeenna isaa dandeenne iti ind'iaannu; inni nama indabsu, d'uga gula nama qajeelcha. 24 Tanaafi aki nami ch'ufti isa sodaatu mama inqabdu, wonti akanatiifi inni nama qaro ufi sehu woma ira inqabu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya