Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Aayubu 34 - KITAABA WAAQA

1 Ammalle Elihuni waan jed'e,

2 Isani worri qarooni, ka guddo wo beekhu, waan anini jed'u ch'aqasa.

3 Isani yo sagale dansa nyaatani imbeetani, ammo yo dubbi qaro d'ageetani waan isii inhubatani.

4 Waan d'uga fohanna, waan dansa woliini baranna.

5 Ayubuni waan jed'u, Anini ch'ubbu inqabu, ufuma Waaqi d'uga na d'owe male.

6 Ato d'uga qabad'ele kiyyiba naani jed'ani; ato ch'ubbu inqamnele, madaani tiyya haguma jirtu infayyitu.

7 Isani nama aka Ayubu kana, ka diqole Waaqaa inch'eere, taka gartani?

8 Inni goli worra ch'ubbu tahe, nama dabaatiini woliini deema.

9 Inni waan jed'u, Ato nami d'uga Waaqa gula deemele woma imbaatufi.

10 Me, isani worri hubacha, qabu na ch'aqasa! Waaqi guddaani dandae ch'ubbu tolcha?

11 Inni huji nama gula wo kenneefi, ammalle isi gula wo bahafi.

12 Waaqi guddaani ch'ubbu intolchu, yokhaani nama indabsu,

13 Ee hayi, Waaqi jabeenna ufi nama ira argate? Namati hayyu lafaa isa tolche?

14 Yo Waaqi hafuura jireenna nama keesa fuud'e,

15 nami ch'ufti hobae biyyeeti deebia.

16 Amma tana yo qalbi qabate, na ch'aqasi.

17 Atini Waaqa d'ugaa wollaala iti murta? Atini waan inni d'uga jibbu seeta?

18 Waaqi, hayyuuni atini woma keesa injirtu jed'e worra lafa fiduleeni, Isani worra ch'ubbu jed'a.

19 Inni worra lafa fidu ira ch'iise, dureesa jaalate hiyyeesa injibu, wonti akanatiifi nama ch'ufa isumati uume.

20 Nami halkani tassa dua. Waaqumati d'ae isa ijeese, nama irre qabule dubbi male hobaasa.

21 Inni ejata nama ch'ufa jabeese eega.

22 Dukanti sipeeni, ta ch'ubbicha Waaqa dura d'ossitu, injirtu.

23 Waaqi guyya nama wollaala iti muru waan tolfatufi inqabu.

24 Inni, ka nama d'ibi ingaafanne, worra lafa fidu fuud'e, nama d'ibi fulla isaani kaa.

25 Maro huji worra beekhufi, inni halkani worra gaargalche balleesa.

26 Inni, ato nami ch'ufti argu, worra ch'ubbu gaargalcha,

27 waan worri isa iraa gore kara isaa yaalu dideefi.

28 Worri hiyyeeyi dabse, maro sunifi isiini Waaqati boonnani inni qarqaarsa worri kad'atu d'agayeefi.

29 Yo Waaqi ch'allise, eenuti dandae waan isa dubbata? Yo inni fuula d'ofate, eenuti dandae isa arga?

30 Woni nami dandae tolchu injirtu, aka nama Waaqa imbeenne ka nama dabse lafa fidu, ufi ira d'owu.

31 Ayubu, atini daba kanke Waaqati himate, ch'ubbu iti indeebiu ya jetteeni?

32 Atini Waaqaani, wollaala kiyya na garsiisi ya jette? Atini aka waan hamtu lakiftu ya ee jette?

33 Waan atini waan Waaqi tolche quufu diddeefi, waan inni waan atini feetu tolchu seeta? Dubbini gara kiyya injirtu, gara kanke jirti, waan atini heredde nati himi.

34 Nami wo beekhu naa d'ugeesa; nami qalbi qabu, ka na d'agayu, waan jed'u:

35 Ayubuni waan imbeenne dubbata, dubbini isa woma keesa injirtu.

36 Waan Ayubuni jed'e ch'ufa herega; aka inni aka nama ch'ubbu dubbatu inagartani.

37 Ch'ubbu inni qara hojate lakisi, amma inni Waaqaani morku jira; ila teenna ch'ufa durati tae, harka d'aane, Waaqa goyeesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan