Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Aayubu 26 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Ayubuni waan jed'eeni:

2 Qarqaarsi atini nama hiyyeesa laafa aka kiyya kana kennitu kana?

3 Atini daalle aka kiyya kana akana gorsite, qarooma kanke garsiifta?

4 Atini mala keeti, waan nami dubbi tante tana ch'ufa d'agayu jiru seeta? Eenuti dubbi tana si dubbisise? (Bildadi)

5 Ekheraani bisaani lafa jala keesa jirtu holate,

6 fullaani Ekheraani teetu Waaqa durati imbanamti; wonti tokoleeni ka fulla ekheraa suni Waaqa d'ossa injirtu.

7 Inni gubba gama mirga ballise, lafa akanumati ka womati infannisiini raraase.

8 Nami dumansa bisaanini d'ud'ufeesu Waaqa, inni dumansa ulfinna bisaanitini tarsauu d'owa.

9 Inni goobana dumansaani d'osse,

10 naanno baariini gubbaati mid'aase akasiini ifsafi dukana gargari qoode.

11 Utubaani gubba chochoe holata, hojja inni mudamsiisu.

12 Irreeni isaa baariini dabsate, qalbiini isaa goorjama Rahabu jed'ani gargari ch'irte.

13 Hafuura isaati goorjama baariini ka baqatu ijeese.

14 Ammo tunini jabeenna isaa haguma diqa toko nu garsiifti; wonti isaa ka nu ind'agiyiini, guddoti hafe! Eenuti dandae d'uguma jabeenna Waaqa haga beekha?

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan