Aayubu 25 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Bildadiini, ka gosa Shuhi, waan jed'eeni: 2 Waaqi jabeenna qaba; nami ch'ufti isa sodaachu male; inni gubba nagaya tolche, aka dansa fida. 3 Nami malaika isaa hojattu haga beekhu injira? Fullaani ifsaani Waaqaa iti inifsiine injirti? 4 Nami akami dandae Waaqa durati d'uga qaba? Nami uwii d'alu akami dandae qulqullo taha? 5 Isa durati jii kayyo inqabu, urjileeni qulqullooniti. 6 Nami maani re, ka ufiftu raamofi buqata fakaatu? Waaqa durati nami maani keesa jira? |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya