Aayubu 24 - KITAABA WAAQA1 Waaqi guddaani maafi guyya qorsumma intolchini? Nami isa beekhu maafi guyya suni barbaade d'aba? 2 Nami aka lafa ufi ballifatu d'akha seera guura; ree biyyaa hatani ta ufiiti naqatani. 3 Harrele ilmaani hiyyeeyi iraa fud'atani, sanga haad'a hiyyeesale qabdo fud'atani. 4 Hiyyeesa d'uga d'owani, nama woma inqamnele baqachisani. 5 Tanaafi hiyyeeyiini akuma harre diidaa lafa aloo keesa sagale barbaadati; achi male dandaani fulla d'ibi ilmaani worraati sagale inargani. 6 Hiyyeeyiini oobru biyyaa murte oobru ch'ubbicha keesa mid'aani zabibu guurti. 7 Halkanile woya male qulla bulani, waan d'aamocha iraa d'owa d'abani. 8 Bokeeni gareeniti roobu worra jisse, worri d'akha jalati baqate aka qobatu. 9 Ch'ubbichi daima abba inqamne tisse tolfate, ilmaani hiyyeesaa qabdo fud'ata. 10 Ammo hiyyeeyiini woya d'abde qulla yaate, ka woma garaa inqamne mid'aani biyya galchiti. 11 Worri mid'aani ejersa d'ad'a keesaa baase, mid'aani zabibule daad'i keesa baasa, ka ufiftu d'eebu injirre. 12 Dira keesati nami mada qabuufi ka duu jiru iyye qarqaarsa kad'ata, ammo Waaqi kad'acha suni ind'agayu. 13 Nama gariti jira ka ifsa didu; worri ifsa inhubatu yokhaani gara inni deemu gula indeemu. 14 Ganama nami wo ijeesu lafaa kae hiyyeesa ijeesu d'aqa; halkani d'aqe wo hata. 15 Nami nad'eeni biyyaa d'aqu, d'ia adu eege, namu na inargu jed'e d'okhate iti d'aabata. 16 Halkani hattuuni mana ch'absiti, ammo guyya d'okhate, ifsa diddi. 17 Worri ifsa guyya sodaate, dukana halkani jaalata. 18 Ati waan jettu, Nama ch'ubbicha bisaaniti fach'ae fud'ata, lafa isaale ya Waaqi abaare; inni deebie oobru isa ta zabibu keesa inhojatu. 19 Akuma wonti qabanooftuuni hojja aduuni owite bat'u akasuma ch'ubbichi due lafa iraa bada. 20 Haati isaaleeni deebite isa inqaabatu; raamooni isa nyaate, inni akuma mukhaa qaarie bada. 21 Wonti isa akasi tolchanifi waan inni nad'eeni hiyyeeyi dabse, nad'eeni woma ind'aliinile nahu dideefi. 22 Waaqi irre isaatini worra jajaba balleese, ch'ubbichale wo tolche hobaasa. 23 Waaqi yo fed'e, nagayaani isa teesise ammo hojja ch'ufa ilaani isaa qorqorata. 24 Bulti diqo toko ch'ubbichi wo horata, ammo eege aka raafu qanch'oorate akuma guma badala ka buqisani, bada. 25 Nami waan kana mormu injira? Nami dubbi tiyya tanaani d'ara jed'u injira? |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya