Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Aayubu 22 - KITAABA WAAQA

1 Jennaani Elifazini, ka gosa Temani, waan jed'eeni:

2 Nami tokoleeni ato qaroole taate, ka Waaqaa wo bahu, injiru?

3 Atini ato d'ugale gula deemte, d'ugaani sunini Waaqa guddaa wobaati? Yokhaani ato atini nama dansale taate, dansumti sunini isaa qarqaarsa taati?

4 Waaqi waan atini isa sodaatufi si gorse qorsumma si geesa?

5 Akasiniti inni waan atini ch'ubbu guddo tolchite, hameenni kanke muumme d'abeefi akana si tolcha.

6 Siti duri oboleyaani tante iraa woya qabdo fud'atte qulla lakise.

7 Atini nama dad'abi qabu bisaani d'owatte, ka beela qabule sagale d'owatte.

8 Ato atini nama dureesa oobru guddo qabu ka gurra qabule taate,

9 atini haad'a hiyyeesa qarqaaru didde, ammalle ilmaani hiyyeeyile dabsite, waan isii saamte.

10 Tanaafi amma tana t'ururaani moga ch'ufa si marse, maro tokotu mudamsuuni si qabati.

11 Lafti siti dukanoofte, woma argu dad'abde, fach'ai bisaani sira deebie si liqimsa.

12 Waaqi achi olfago injiru? Urjile, ato isiini olfago jiraatte, ufi jalati ilaalu?

13 Ka atini teete, Waaqi maani beekha? Isa dumansinu ind'ossa, akami dandae nama qora? jettu.

14 Jaldooni dumansa lafa argu isa d'owarti, ka inni jiddu lafafi gubba deemu.

15 Atini kara dullacha worri ch'ubbuu gula yau illakiftu?

16 Ato guyyaani worraa ingeenne bisaani fach'aani worra liqimsani.

17 Worri waan Waaqaani jed'e, Nu biraa deemi, Waaqi guddaani, maani dandae nu tolcha?

18 Ammo nami worra horsiise Waaquma. Anini herega worra ch'ubbuu dandae inhubad'u.

19 Nami dadansaani gammada qaba, nami d'uga hojja nama ch'ubbicha ka d'aanani argu inkobla.

20 Waan ch'ubbichi qabu ch'ufa imballeesani, waan hafele ch'ufa ibidati guba.

21 Amma tana Waaqaani wold'aqa, nagayaani woliini taa; yo atini akasi taate inni si eebisa.

22 Barsiisa inni si barsiisu fud'ad'i, dubbi isaa garaa keesa keeyad'i.

23 Yo atini ufi diqeesite Waaqati deebite, hameenna worra kanke keesa jiru ch'ufa keesaa baafte,

24 worqi tante lafati jissite, worqi tante dandansa lagati gatte,

25 ammalle yo Waaqi guddaani worqifi qarsi sii tahe,

26 duuba atini hojja ch'ufa Waaqa gudda jaalate, aka inni gammada sii kennu agarta.

27 Hojja atini isaa kad'attu, inni si d'agaye, atinileeni kakhu tante guuta.

28 Waan tolchu feetu ch'ufa dabsate, karaani kankeleeni ifsa sii taha.

29 Waaqi nama ufi guddisu diqeese, nama ufi diqeesu baasa.

30 Yo atini ch'ubbu inqamne waan d'uga tolchite, inni si baasa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan