Aayubu 21 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Ayubuni waan jed'eeni: 2 Dubbi tiyya aka dansa ch'aqasa, aki isaani garaa na jabeesitani ha hagasuma tahuti. 3 Qoomni anini dubbad'uuni naa kenna, duuba eegi anini dubbad'e haga feetani na goyeesa. 4 Anini nama dubbi maani iraa qaba? Yo anini obsuu baad'e maani nara qabdani? 5 Na dawaad'a mama, afaani qabad'a. 6 Hojja anini waan na tolchani heregu, anini aka male nahe holad'a. 7 Ch'ubbichi maanifi lubbu bule jaare hori horata? 8 Worri ijoolleefi akhakhowani d'ale, ilmaani suni ta olguddatu arga. 9 Waaqi mana worraa imballeesu, worri soda womatu inqabu. 10 Koromini worraa bara ch'ufa goobde, looni worraleeni, ka insaleesine, aka dansa d'alani. 11 Ilmaani worraa buraat'e aka ilmoole hoola tabati, 12 kiraariifi fulludo d'oofte sirbiti. 13 Worri nagayaani tae, gaargala male due, fulla ekheraa d'aqa. 14 Worri waan Waaqa guddaani jed'u, Nu lakisi nu kara kanke beekhu imfeennu. 15 Atini qara maani, ka nu sii hojannu? Yo nu si kad'annu, maani nu baata? 16 Worri waan jed'u, Nu irruma teennaani arganna, ammo anini dandae herega worraa suni ee injed'u. 17 Ifse ch'ubbicha taka ya d'aamfani? Worri akasi sunini tokoleeni taka gaargala ya argate? Waaqi taka worra ch'ubbuti dallane, 18 aka buuyo qilleensi fuud'u fuud'e, yokhaani aka awaara bubbeeni fuutu ya fuud'e? 19 Isani waan jettani, Waaqi maro wollaala abbaatifi ilmaani d'aana, ammo dubbini sunini akasiniti. Waaqi ha nama wollaala tolche wotolchuti; nami wollaala tolchu ha aka maro wollaala ufiiti gaargala argatu beekhuti. 20 Nami wollaala tolchu ha gaargala ufii argate, dallansu Waaqaa gudda arguuti. 21 Nami hojja guyyaani isaa gahe, waan ilmaani isaa iyyaala? 22 Nami dandae Waaqa, ka hayyootale qoru, imbarsiisa? 23-24 Nami gari ato fayyaafi jabeenna qabu, quufafi gammada keesa dua, ka nafi isaa gabbinna qabu. 25 Ammo hagi toko gammada inqabu, gaargalaani tae, gaargala keesa dua. 26 Ammo nami ch'ufti akuma taka due awaalani raamooni nyaati. 27 Anini herega keesani, ka isani mala hama natiini d'aatani, imbeekha. 28 Isani waan jettani, mani namicha gudda kaani meeti, ka duri hameenna tolche? 29 Isani ideemtuni woli inhaasoftani? Isani odu worri d'ufuuni ind'ageenne? 30 Guyya Waaqi namati dallane nama d'aanu, nami lubbu baasani ch'ubbicha ch'alla. 31 Nami ch'ubbicha himate, waan inni tolche gula gati kennuufi injiru. 32 Hojja awaalati isa geesani, awaala isaale aka dansa eegani, 33 nami hedduuni isa duraafi duubale yaa, biyyeeni lafaleeni isati mioofti. 34 Ammo isani maafi dubbi woma keesa injirreeni garaa na jabeesu feetani? Dubbi isani naani jettani tana, d'ara male d'ugaani keesa injirtu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya