Aayubu 20 - KITAABA WAAQA1 Jennaani Sofariini, ka gosa Naamathi waan jed'eeni: 2 Abbo, atini ya na dallansiifte, tanaafi anini amma hurrise wo siini jechuu fed'a. 3 Wonti atini naani jette araba, ammo qalbiini tiyya waan sini jechuu malani ya na garsiifte. 4 D'uguma atini imbeeta, haguma duri nama lafa irati uumani, 5 gammadi nama ch'ubbicha gabaaba, gammachuuni nama Waaqa imbeenneleeni haguniti: 6 Ato inni d'eerate mataani waaqa tuqele, 7 akuma awaara bada. Nami duri isa beekhu, Inni me? jed'e gaafata. 8 Inni akuma oobju dabre, akuma daayya halkani bada, deebiani inargani. 9 Nami duri isaa arge deebie inargu. Fulla duri inni iti galule ind'abani. 10 Ilmaani isaa waan inni hiyyeesa iraa hate deebisuu malte. 11 Nafi isaa gaafa inni duri kaima jabeenna qaba, ammo amma d'iotu biyye taha. 12 Ato hameenni guddo afaani isaati miae, 13 inni afaani keesaa fud'achu dad'abele, 14 sagaleeni garaa isaa keesati had'oofte, had'a bofaa iti taati. 15 Inni hori kara dabaatiini soorate diddifate, Waaqumati waan suni isa diddisise. 16 Wonti ch'ubbichi liqimse had'a, had'ani suni akuma had'a bofaa isa ijeefti. 17 Inni d'ad'a lafa ira dabre aka galaana yaufi; laga aananifi dammi kee yaule inargu. 18 Inni waan hojate argate insooratu: Yokhaani tirfi daldala ufi ira argate inyaatu; 19 wonti akanatiifi inni hiyyeesa dabse hiyyoomse, ammalle mana nami d'ibiini jaaratele saame. 20 Inni sabdi, woma inquufu, ammalle woma oli inkeeyatu. 21 Inni yo wo nyaatu woma inhambisu, tanaafi horiini isaa hobaa. 22 Ato inni quufu, gaargali isa qabate, badiini isa d'aqabdi. 23 Yo inni haga fed'u nyaate quufele, Waaqi aka male isaati dallane, tontomooni d'ae lafa buusa. 24 Hojja inni woraana dura baqachuni fed'u t'iya sibiilaati isa woraana. 25 T'iyiti nafa isa keesa lit'e, fiit'eeni isii d'iiga isaa d'udde, inni aka hama mudama. 26 Waan inni olkeyate ch'ufa balleesani; ibidi nami harkaani imbobesiini isaafi worra isaale ch'ufa gubba. 27 Gubbaani ch'ubbu isaa mulifte laafteeni isa himati. 28 Hojja Waaqi iti dallanu, mana isaatiifi waan inni qabu ch'ufa lolaani balleesani. 29 Aki Waaqi ch'ubbicha balleesu akasi, sunini baddi Waaqi ch'ubbicha herege. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya