Aayubu 15 - KITAABA WAAQA1-2 Jennaani Elifazini, ka gosa Temani, waan jed'e: Nami qarooni akami dubbi woma keesa injirre dubbate, qilleensani garaa ufii guuta? 3 Inni akami dubbi woma intahiini dubbate, dubbi akasiitini womorma? 4 Atini ufiftu Waaqa sodaachu dide kad'acha isaale yala baate. 5 Ch'ubbuuni tante afaanuma kanke iraa baati, atini malafi malteeni wo dubbata. 6 Dubbuma atini jettuti si ijeesa, jechi atini jettu ch'ufti wollaala keesa si buusa. 7 Atini namaa qara d'alate ufuma seeta? Atini, gaafa Waaqi gaareeni mid'aase, d'alate lafa jirta? 8 Atini mala Waaqaa d'ageete quba qabda? Atini nama qarooyu ch'ufa ufuma seeta? 9 Wonti atini beetu, ka nu imbeenne, maani? Wonti atini hubattu, ka nu inhubanne, injirti? 10 Nu qarooma keenna jaarole mata arri iraa baranne, ta abba kankele dura jirtu. 11 Waaqi sila kibe garaa si jabeesu fed'a. Atini maafi teete didda? Nu dubbi laana dansaani siti dubbanne. 12 Atini maafi garaa hammaate, ila dallansutini nu ilaalta? 13 Atini ammalle maafi Waaqati dallante, dubbini akana tunini afaani kanke keesa baati? 14 Nami qara kami, ka d'uguma dandae qulqullo tahu? Nami uwii d'alu, ka dandae nama d'uga tahu, injiru? 15 Waaqi ka ufiftu malaika ufitu ind'ugeefanne, ka isiini isa durati qulqullooma inqamne, 16 eesa dandae nama ch'ubbicha hama, ch'ubbu aka bisaani d'ugu, d'ugeefata? 17 Amma na ch'aqasi, waan arge siti hima. 18 Worri qarooni ya waan abbooti ufi iraa barate na barsiise, worri woma tokole na ind'ossine. 19 Lafti worraa nyaapa inqabdu, yokhaani nami, worra Waaqa iraa gorsu, injiru. 20 Nami daba, ka nama dabsu, haga jiru aka hama gaargala. 21 Qonqooni nama mudamsiiftu gurra isaa duuchite, hojja inni lafa nagaya sehu shiftani isa haati. 22 Inni aka dukana duraa bahu inheregatu, wonti akanatiifi goraadeti isa eegata. 23 Allaatileni aka reefa isaa nyaatu teete eegatti. Inni imbeekha, aka guyyaani dukana isati d'ufu. 24 Gaargalafi laalalati isa mudamsise, aka hayyu lola kurfefate isa dabsata. 25 Waan inni Waaqaani morke sodaachu dide tufateefi. 26-27 Nami akasi sunini kiyyiba, ka Waaqaani morku. Inni wonte ufii qabate, Waaqa d'agayuu dide, had'iisa iti utaala. 28 Nama akasi suniti dira had'e dabsate, mana abbaani keesaa baqate fud'ata, ammo woraani kae dirafi maneeni balleesa. 29 Inni durooma ufiitini inturu, wonti inni horate, ka inhobaane, injirtu, gaandiduuni isaaleeni badde, 30 innileeni dukana duraa imbahu. Inni mukha gubate, ka ibidi dameele gube qilleensi obeensa isaa fuud'e fakaata. 31 Yo inni daallae hameenna d'ugeefate, wonti inni argatuleeni hameennuma taati. 32 Ato guyyaani isaa ingahiini, inni aka dame mukha goge ka dottachu lakise taha. 33 Inni mukha zabibu, ka mid'aani imbilchaatiini buufatu, fakaata. 34 Nami Waaqa imbeenne woma ind'alu, mana gumbooni jaaranile ibidati guba. 35 Nami ch'ubbu malate waan hamtu tolchu worruma kana; garaani worra woma d'araati guuta. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya