Aayubu 14 - KITAABA WAAQA1 Nami d'alatu ch'ufa guyyaani isaa gabaaba, sunileeni gaargaluma ch'alla. 2 Inni akuma daraara bahe, qanch'oorate bada; akuma gaandidu yoosu dabra. 3 Atini nama aka kiyya kana ilaalte inqorta? 4 Nami waan qulqullo, waan t'uri keesaa baasu, injira? Injiru. 5 Guyya namaatiifi bulti inni bulu qaraa mid'aasani. Atini qaraa hereddeefi, dandaani gara ingalchani. 6 Tanaafi amma ila ira deefad'i, ufi iraa yalabahi; aka inni, aka tisse, bulti ufi iraa gammadu. 7 Mukhi murani abdi qaba, aka deebie late bahu. 8 Ato hiidi isaa lafa keesati gogoge hundileeni goge, 9 yo bisaani argate mukhi suni late baha. 10 Ammo nami yo due ya hobae; yo hafuuri keesaa bahe maanti hafa? 11 Akuma bisaani yaani laga keesa dabrani galaanileeni gogu, 12 namileeni akasuma due dabra. Inni haga lafafi gubbaani jirtu deebie inkau, yokhaani nami isa kaasuleeni injiru. 13 Ato atini fulla ekherati na d'ossite, guddo naa woyya; haga dallansuuni tante siraa galuti na d'ossi. Duuba guyya tolfad'i, ka na qaabatu. 14 Nami yo due dandae inkaa? Ammo anini guyya gomitani nati d'ufte eegad'a, haga gaargali kunini naraa hobauti. 15 Duuba atini gaafasi na yaamte, anini si jala owaad'a. Atinileeni ana, ka atini uumte, iraa gammadda. 16 Gaafasi ejata kiyya ch'ufa ilaalte, ch'ubbu tiyya faana d'au lakifta. 17 ch'ubbu tiyya naa araaramte balleesita. Wollaala kiyyale ch'ufa naraa d'it'a. 18 Guyyaani ind'ufa, ka gaareeni qaqaarite, qarsa d'akha ch'ufa fulla isaati chochoosani. 19 Bisaanileeni d'akha luqisani, bokai guddaleeni biyye lafa iraa diqa. Akasuma atini abdi namaa balleesita. 20 Atini nama dabsate haga jiru jireenna balleesite, fuula isale yakite ufi biraa gussita. 21 Ilmaani isaa ulfinna argatti, ammo inni quba inqabu; yo worra ch'eersanile nami isati himu injiru. 22 Inni d'ukubsacha nafa isaatiifi laalala qalbi isaa ch'alla beekha. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya